< Faarfannaa 58 >
1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawiti. Miiktaamii. Yaa bulchitoota, isin dhugumaan waan qajeelaa dubbattanii? Nama gidduuttis murtii qajeelaa kennitanii?
Kwa mwimbishaji. Mtindo wa “Usiharibu!” Utenzi wa Daudi. Enyi watawala, je, kweli mwanena kwa haki? Je, mnahukumu kwa unyofu miongoni mwa watu?
2 Akkas miti; isin garaa keessan keessatti hammina yaaddu; harki keessanis lafa irratti goolii kaasa.
La, mioyoni mwenu mnatunga udhalimu, na mikono yenu hupima jeuri duniani.
3 Namoonni hamoon dhalootumaa kaasanii karaa irraa jalʼatu; gadameessa haadha isaaniitii jalqabniis karaa irraa goranii soba dubbatu.
Waovu ni wapotovu tangu kuzaliwa kwao, toka tumboni mwa mama zao ni wakaidi na husema uongo.
4 Hadhaan isaanii akkuma hadhaa bofaa ti; isaan akkuma buutii duudaa gurra isaa cuqqaalatee
Sumu yao ni kama sumu ya nyoka, kama ile ya fira ambaye ameziba masikio yake,
5 sagalee nama isa raatessuu yookaan nama waan ittiin isa raatessu hojjetu tokkoo dhagaʼuu diduu ti.
ambaye hatasikia sauti ya kutumbuiza ya mwaguzi, hata kama mganga angecheza kwa ustadi kiasi gani.
6 Yaa Waaqi ati ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccabsi; qarriffaa leencotaas daaki, yaa Waaqayyo!
Ee Mungu, yavunje meno katika vinywa vyao; Ee Bwana, vunja meno makali ya hao simba!
7 Isaan akkuma bishaan dhangalaʼee baduutti haa badan; yeroo iddaa futtaasanitti xiyyi isaanii haa doomu.
Na watoweke kama maji yapitayo kwa kasi, wavutapo pinde zao, mishale yao na iwe butu.
8 Akkuma ciilalluu yommuu deemu baquutti, akkuma daaʼima utuu yeroon hin gaʼin dhalatuuttis aduu hin argin.
Kama konokono ayeyukavyo akitembea, kama mtoto aliyezaliwa akiwa mfu, wasilione jua.
9 Utuu okkoteen keessan ibidda qoraattiitiin hin hoʼin, jiidhaas taʼu gogaan isaanii haxaaʼamanii balleeffamu.
Kabla vyungu vyenu havijapata moto wa kuni za miiba, zikiwa mbichi au kavu, waovu watakuwa wamefagiliwa mbali.
10 Namni qajeelaan yommuu haaloo baʼuu kana argutti ni gammada; miilla isaas dhiiga namoota hamootiin ni dhiqata.
Wenye haki watafurahi waonapo wakilipizwa kisasi, watakapochovya nyayo zao katika damu ya waovu.
11 Yommus namoonni akkana ni jedhu; “Dhugumaan nama qajeelaadhaaf badhaasni jira; dhugumaan Waaqni lafa irratti murtii kennu jira.”
Ndipo wanadamu watasema, “Hakika utulivu wa wenye haki bado una thawabu, hakika kuna Mungu ahukumuye dunia.”