< Faarfannaa 58 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawiti. Miiktaamii. Yaa bulchitoota, isin dhugumaan waan qajeelaa dubbattanii? Nama gidduuttis murtii qajeelaa kennitanii?
Do you indeed speak righteousness, O congregation? do you judge uprightly, O you sons of men?
2 Akkas miti; isin garaa keessan keessatti hammina yaaddu; harki keessanis lafa irratti goolii kaasa.
Yes, in heart you work wickedness; you weigh the violence of your hands in the earth.
3 Namoonni hamoon dhalootumaa kaasanii karaa irraa jalʼatu; gadameessa haadha isaaniitii jalqabniis karaa irraa goranii soba dubbatu.
The wicked are estranged from the womb: they go astray as soon as they be born, speaking lies.
4 Hadhaan isaanii akkuma hadhaa bofaa ti; isaan akkuma buutii duudaa gurra isaa cuqqaalatee
Their poison is like the poison of a serpent: they are like the deaf adder that stops her ear;
5 sagalee nama isa raatessuu yookaan nama waan ittiin isa raatessu hojjetu tokkoo dhagaʼuu diduu ti.
Which will not listen to the voice of charmers, charming never so wisely.
6 Yaa Waaqi ati ilkaan isaanii afaan isaanii keessatti caccabsi; qarriffaa leencotaas daaki, yaa Waaqayyo!
Break their teeth, O God, in their mouth: break out the great teeth of the young lions, O LORD.
7 Isaan akkuma bishaan dhangalaʼee baduutti haa badan; yeroo iddaa futtaasanitti xiyyi isaanii haa doomu.
Let them melt away as waters which run continually: when he bends his bow to shoot his arrows, let them be as cut in pieces.
8 Akkuma ciilalluu yommuu deemu baquutti, akkuma daaʼima utuu yeroon hin gaʼin dhalatuuttis aduu hin argin.
As a snail which melts, let every one of them pass away: like the untimely birth of a woman, that they may not see the sun.
9 Utuu okkoteen keessan ibidda qoraattiitiin hin hoʼin, jiidhaas taʼu gogaan isaanii haxaaʼamanii balleeffamu.
Before your pots can feel the thorns, he shall take them away as with a whirlwind, both living, and in his wrath.
10 Namni qajeelaan yommuu haaloo baʼuu kana argutti ni gammada; miilla isaas dhiiga namoota hamootiin ni dhiqata.
The righteous shall rejoice when he sees the vengeance: he shall wash his feet in the blood of the wicked.
11 Yommus namoonni akkana ni jedhu; “Dhugumaan nama qajeelaadhaaf badhaasni jira; dhugumaan Waaqni lafa irratti murtii kennu jira.”
So that a man shall say, Truly there is a reward for the righteous: truly he is a God that judges in the earth.

< Faarfannaa 58 >