< Faarfannaa 57 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawit. Miiktaamii. Innis yeroo Saaʼol jalaa baqatee holqatti galee faarfate. Na maari; yaa Waaqa na maari; lubbuun koo sitti kooluu galtiitii. Anis hamma balaan darbutti, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala.
Kwa mwimbishaji. Mtindo wa “Usiharibu!” Utenzi wa Daudi. Baada ya kumponyoka Sauli pangoni. Unihurumie, Ee Mungu, unihurumie, kwa maana nafsi yangu inakukimbilia. Chini ya uvuli wa mbawa zako nitakimbilia mpaka maafa yapite.
2 Ani gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti, gara Waaqa haaloo naa baasuutti nan iyya.
Namlilia Mungu Aliye Juu Sana, Mungu atimizaye makusudi yake kwangu.
3 Inni samii irraa ergee na oolcha; warra akka malee na ariʼan ni ifata; Waaqni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa ni erga.
Hutumana kutoka mbinguni na kuniokoa, akiwakemea wale wanaonifuatilia vikali; Mungu huutuma upendo wake na uaminifu wake.
4 Ani leencota gidduun jira; ani bineensota nama nyaatan, namoota ilkaan isaanii eeboo fi xiyyaa kanneen arrabni isaanii akka goraadee qaramaa gidduu ciiseera.
Niko katikati ya simba, nimelala katikati ya wanyama wenye njaa kuu: watu ambao meno yao ni mikuki na mishale, ambao ndimi zao ni panga kali.
5 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
Ee Mungu, utukuzwe juu ya mbingu, utukufu wako na uenee duniani kote.
6 Isaanis kiyyoo miilla kootiif kaaʼan; lubbuun koos dhiphinaan gad gogdeerti. Isaan karaa koo irratti boolla qotan; garuu isaanumattu keessatti kufe.
Waliitegea miguu yangu nyavu, nikainamishwa chini na dhiki. Wamechimba shimo katika njia yangu, lakini wametumbukia humo wao wenyewe.
7 Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; garaan koo hin raafamu; ani nan faarfadha; nan weeddisas.
Ee Mungu, moyo wangu ni thabiti; nitaimba na kusifu kwa moyo wangu wote.
8 Yaa lubbuu ko, dammaqi! Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa! Anis ganamaan nan dammaqa.
Amka, nafsi yangu! Amka, kinubi na zeze! Nitayaamsha mapambazuko.
9 Yaa Gooftaa, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha; namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.
Nitakusifu wewe, Ee Bwana, katikati ya mataifa; nitaimba habari zako, katikati ya jamaa za watu.
10 Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis gaʼaatii; amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba.
Kwa maana upendo wako ni mkuu, waenea hadi mbinguni, uaminifu wako unazifikia anga.
11 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
Ee Mungu, utukuzwe juu mbinguni, utukufu wako na uwe duniani pote.

< Faarfannaa 57 >