< Faarfannaa 57 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawit. Miiktaamii. Innis yeroo Saaʼol jalaa baqatee holqatti galee faarfate. Na maari; yaa Waaqa na maari; lubbuun koo sitti kooluu galtiitii. Anis hamma balaan darbutti, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala.
برای سالار مغنیان برلاتهلک. مکتوم داود وقتی که از حضور شاول به مغاره فرار کرد ای خدا بر من رحم فرما، بر من رحم فرما! زیرا جانم در تو پناه می‌برد، و درسایه بالهای تو پناه می‌برم تا این بلایا بگذرد.۱
2 Ani gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti, gara Waaqa haaloo naa baasuutti nan iyya.
نزدخدای تعالی آواز خواهم داد، نزد خدایی که همه‌چیز را برایم تمام می‌کند.۲
3 Inni samii irraa ergee na oolcha; warra akka malee na ariʼan ni ifata; Waaqni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa ni erga.
از آسمان فرستاده، مرا خواهد رهانید. زیرا تعاقب کننده سخت من ملامت می‌کند، سلاه. خدا رحمت و راستی خودرا خواهد فرستاد.۳
4 Ani leencota gidduun jira; ani bineensota nama nyaatan, namoota ilkaan isaanii eeboo fi xiyyaa kanneen arrabni isaanii akka goraadee qaramaa gidduu ciiseera.
جان من در میان شیران است. در میان آتش افروزان می‌خوابم یعنی آدمیانی که دندانهایشان نیزه‌ها و تیرهاست. و زبان ایشان شمشیر برنده است.۴
5 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
‌ای خدا بر آسمانها متعال شو و جلال تو بر تمامی جهان.۵
6 Isaanis kiyyoo miilla kootiif kaaʼan; lubbuun koos dhiphinaan gad gogdeerti. Isaan karaa koo irratti boolla qotan; garuu isaanumattu keessatti kufe.
دامی برای پایهایم مهیا ساختند و جانم خم گردید. چاهی پیش رویم کندند، و خود در میانش افتادند، سلاه.۶
7 Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; garaan koo hin raafamu; ani nan faarfadha; nan weeddisas.
دل من مستحکم است خدایا دل من مستحکم است. سرود خواهم خواند و ترنم خواهم نمود.۷
8 Yaa lubbuu ko, dammaqi! Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa! Anis ganamaan nan dammaqa.
‌ای جلال من بیدار شو! ای بربط وعود بیدار شو! صبحگاهان من بیدار خواهم شد.۸
9 Yaa Gooftaa, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha; namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.
‌ای خداوند تو را در میان امت‌ها حمد خواهم گفت. تو را در میان قوم‌ها تسبیح خواهم خواند.۹
10 Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis gaʼaatii; amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba.
زیرا رحمت تو تا آسمانها عظیم است وراستی تو تا افلاک.۱۰
11 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.
خدایا بر آسمانها متعال شو. و جلال تو بر تمامی جهان.۱۱

< Faarfannaa 57 >