< Faarfannaa 55 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit. Yaa Waaqi, kadhannaa koo dhagaʼi; waammata koo jalaas hin didin.
達味訓誨歌,交與槳官。 天主,求你側耳傾聽我的祈禱,求你不要迴避我的哀告。
2 Na dhagaʼiitii deebii naa kenni; komiin koo na dhiphisa; anis nagaa dhabeera.
求你俯視我,並垂允我,我痛苦憂傷,嘆息悲號:
3 Sagalee diinaatiin, cunqursa namoota hamoos dhufe; isaan dhiphina natti fiduutii; aariidhaanis na jibbu.
由於仇敵的叫囂,並因惡人的吵鬧,因加於我的災禍,怒中給我的騷擾,
4 Lapheen koo na keessatti dhiphatte; sodaan duʼaas na qabate.
我的心在我胸內焦灼,死亡的恐怖籠罩了我,
5 Sodaa fi hollannaan natti dhufeera; naasuunis na fudhateera.
驚懼與戰慄侵襲了我,恐怖與煩惱淹沒了我。
6 Anis akkana nan jedhe; “Utuu ani akkuma gugee qoochoo qabaadhee! Silaa asii barrisee nan boqodhan ture.
我於是說:但願我有鴿子般的翅膀,為能飛翔而去,棲身安藏!
7 Silaa fagootti baqadhee gammoojjii keessa nan bubbula ture;
看,我必要逃往遠處,在荒涼的地方暫住;
8 silaa bubbee hamaa fi qilleensa jabaa irraa fagaadhee gara iddoo boqonnaa kootti nan ariifadhan ture.”
從速尋找一個避難所,避過這一場風狂雨暴。
9 Yaa Gooftaa, namoota hamoo burjaajessi; dubbii isaaniis waliin dhaʼi; ani magaalaa keessatti goolii fi lola argeeraatii.
我主,求你分散擾亂他們的語言,因我在城中只見到鬥爭與紛亂:
10 Isaan halkanii guyyaa ol baʼanii dallaa ishee irra naannaʼu; jalʼinnii fi rakkinni ishee keessa jira.
他們日夜在城牆上巡行,邪惡與欺壓在城中叢生。
11 Ishee keessa badiisatu jira; nama cunqursuu fi gowwoomsuun daandii ishee irraa hin dhabamu.
城池中已滿布詭計,霸道欺詐橫行街市。
12 Utuu diinni na arrabsee, silaa obsuu nan dandaʼa ture; utuu amajaajiin natti kaʼee, silaa jalaa dhokachuu nan dandaʼa ture.
若是我的仇人辱罵我,我還可容忍;若是惱恨我者欺凌我,我尚可退隱;
13 Garuu siʼi namuma akka kootii, hiriyaa koo, michuu koo kan natti dhiʼaatutu waan kana godhe.
可惜是你,我的同僚,我的伙伴,我的友好;
14 Tokkummaadhaan mana Waaqaa walii wajjin deemne; haasaa miʼaawaas walii wajjin haasofne.
我們曾經推心置腹,無所諱言,在人群中走進了天主的聖殿。
15 Duuti tasa isaanitti haa dhufu; utuma lubbuudhaan jiranuu siiʼool keessa haa buʼan; hamminni mana isaaniitii fi garaa isaanii keessa jiraattii. (Sheol h7585)
願死亡突襲他們,活活的墜入陰府!因為他們的居處和內心滿是惡毒。 (Sheol h7585)
16 Ani garuu Waaqa nan waammadha; Waaqayyos jalaa na baasa.
但我卻要呼號天主,上主必定予我救助。
17 Ani galgala, ganamaa fi waareetti dhiphinaan nan iyya; innis sagalee koo ni dhagaʼa.
不論在黃昏在清晨或在中午,我哀聲悲嘆,祂必聽我的苦訴。
18 Yoo namni baayʼeen anaan morme illee, inni waraana natti kaʼe jalaa miidhaa malee na baasa.
祂必從迫害我的人中,救我然脫險,因為那些反對我的人,實在眾多難算。
19 Waaqni inni durumaa jalqabee teessoo irra jiru sun, Namoota karaa isaanii hin geeddaranne, kanneen Waaqa hin sodaanne ni dhagaʼa; isaan qaanessas.
永遠為王的天主必要俯聽我,而把他們趕走,因為他們不知回心轉意,又不知敬愛天主。
20 Hiriyaan koo michoota isaatti harka isaa ol fudhate; kakuu isaa illee ni cabse.
他們伸手攻擊自己的友好,他們任意訂立違背的盟約。
21 Dubbiin isaa akkuma dhadhaa ti; nama hin quuqu; garaa isaa keessa garuu lolatu jira; dubbiin isaa zayitii caalaa lallaafa; garuu goraadee luqqifamee dha.
他們的容貌比奶油更光滑,心卻是好戰;他們的言語比脂粉還柔和,但口蜜腹劍。
22 Yaaddoo kee Waaqayyotti kennadhu; inni si jiraachisa; namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.
將你的重擔卸交上主,祂必扶持你,祂決對不會讓義人永遠動搖不止。
23 Yaa Waaqayyo, ati garuu namoota hamoo boolla badiisaa keessa ni buufta; warri dhiiga dhangalaasanii fi gowwoomsitoonni, walakkaa bara jireenya isaanii iyyuu hin jiraatan. Ani garuu sin amanadha.
天主,求你使他們墮入滅亡的深穴!兇手和奸詐的歹徒必定中年夭折。上主,但我卻要時常一心唯你是賴。

< Faarfannaa 55 >