< Faarfannaa 54 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit. Yeroo warri Ziif Saaʼol bira dhaqanii, “Daawit nu gidduu dhokatee jira” jedhanitti faarfatame. Yaa Waaqi, maqaa keetiin na fayyisi; humna keetiinis naa murteessi.
Nzembo ya Davidi. Wuta na buku ya mokambi ya bayembi. Eyembamaki na lindanda tango bato ya Zifi bayaki koyebisa Saulo: « Davidi abombami kati na biso. » Oh Nzambe, bikisa ngai na nzela ya Kombo na Yo, longisa ngai na nzela ya nguya na Yo.
2 Yaa Waaqi, kadhannaa koo naa dhagaʼi, dubbii afaan kootiis dhaggeeffadhu.
Oh Nzambe, yoka libondeli na ngai, yoka maloba ya monoko na ngai.
3 Keessumoonni natti kaʼaniiruutii; warri garaa namaa hin laafne lubbuu koo galaafachuu barbaadu; Isaanis warra Waaqaaf ulfina hin kenninee dha.
Bapaya batelemi mpo na kobundisa ngai; mpe bato na kanza bazali koluka koboma ngai, batalelaka Nzambe te.
4 Kunoo, Waaqni gargaaraa koo ti; Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti.
Tala, Nzambe azali lisungi na ngai, Nkolo azali eyekamelo na ngai.
5 Hamminni warra maqaa na balleessanii isaanumatti haa deebiʼu; atis amanamummaa keetiin isaan balleessi.
Tika ete akweyisela bayini na ngai mabe! Kati na boyengebene na Yo, bebisa bango.
6 Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa; yaa Waaqayyo, ani maqaa kee nan galateeffadha; inni gaariidhaatii.
Nakobonzela Yo mbeka na motema malamu, nakokumisa Kombo na Yo, Oh Yawe, pamba te ozali malamu.
7 Inni dhiphina koo hundumaa keessaa na baaseeraatii; iji koos ol aantummaadhaan diinota koo of jalatti ilaaleera.
Okangoli ngai na pasi nyonso; mpe miso na ngai etali lokola molongi ya banguna na ngai.

< Faarfannaa 54 >