< Faarfannaa 54 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Maskiilii Daawit. Yeroo warri Ziif Saaʼol bira dhaqanii, “Daawit nu gidduu dhokatee jira” jedhanitti faarfatame. Yaa Waaqi, maqaa keetiin na fayyisi; humna keetiinis naa murteessi.
達味訓誨歌,交與樂官,和以絃樂。 作於齊弗人來對撒烏耳說:「看,達味藏在我們這裡」時。 天主,求你因你的名賜我救援,求你並以你的權能為我伸冤。
2 Yaa Waaqi, kadhannaa koo naa dhagaʼi, dubbii afaan kootiis dhaggeeffadhu.
天主,求你俯聽我的祈求,側耳傾聽我的投訴。
3 Keessumoonni natti kaʼaniiruutii; warri garaa namaa hin laafne lubbuu koo galaafachuu barbaadu; Isaanis warra Waaqaaf ulfina hin kenninee dha.
傲慢的人起來向我進攻,蠻橫的人想謀害我的生命,他們沒有把天主放在眼中。(休止)
4 Kunoo, Waaqni gargaaraa koo ti; Gooftaan jiraachisaa lubbuu koo ti.
請看,天主必定給我助陣,上主必扶持我生命。
5 Hamminni warra maqaa na balleessanii isaanumatti haa deebiʼu; atis amanamummaa keetiin isaan balleessi.
求你使災禍報應在我的仇讎身上,求你憑你的忠誠將他們消除滅亡。
6 Ani fedhii kootiin aarsaa siif dhiʼeessa; yaa Waaqayyo, ani maqaa kee nan galateeffadha; inni gaariidhaatii.
我要自願向上主祭獻;上主,我要對你的美名稱讚。
7 Inni dhiphina koo hundumaa keessaa na baaseeraatii; iji koos ol aantummaadhaan diinota koo of jalatti ilaaleera.
因為你救我脫離了一切災難,使我親眼看見我的仇敵潰散。

< Faarfannaa 54 >