< Faarfannaa 53 >
1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Gosa Muuziiqaa maahilaati jedhamuun faarfatame. Maskiilii Daawiti. Gowwaan garaa isaatti, “Waaqni hin jiru” jedha. Isaan xuraaʼaniiru; karaan isaaniis jibbisiisaa dha; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.
Mpumbavu husema moyoni mwake, “Hakuna Mungu.” Wamepotoka na kufanya machukizo; hakuna mmoja atendaye mema.
2 Waaqni yoo namni waa hubatu, kan Waaqas barbaadu tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee, samii irraa ilmaan namootaa gad ilaala.
Toka mbinguni Mungu hutazama chini kwa wanadamu kuona kama kuna yeyote mweye akili, amtafutaye yeye.
3 Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru; namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru; tokkumti iyyuu hin jiru.
Wote wamekengeuka. Kwa pamoja wamepotoka. Hakuna atendaye mema, hata mmoja.
4 Warri hammina hojjetan, kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan, warri Waaqa hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?
Je, wale wanao fanya uovu hawana uelewa - wale walao watu wangu kana kwamba wanakula mkate na hawamuiti Mungu?
5 Isaan iddoo wanni sodaatamu hin jirretti, sodaadhaan liqimfamaniiru. Waaqni lafee warra si marsanii ni bittinneessa; sababii Waaqni isaan tuffateef, ati isaan qaanessite.
Wao walikuwa katika hofu kuu, ingawa hakuna sababu ya kuogopa ilikuwepo hapo; maana Mungu ataitawanya mifupa ya yeyote atakaye kusanyika dhidi yako; watu kama hao wataaibishwa kwa sababu Mungu amewakataa wao.
6 Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee! Yommuu Waaqni saba isaa warra boojiʼaman deebisutti, Yaaqoob haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!
Oh, kwamba wokovu wa Israel ungepatikana Sayuni! Wakati Mungu atakapowaleta watu wake kutoka kifungoni, ndipo Yakobo atashangilia na Israeli itafurahi!