< Faarfannaa 52 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Daawit. Dooʼeeg namni biyya Edoomii yeroo gara Saaʼolii dhaqee, “Daawit gara mana Ahiimelekii dhufeera” jedhee itti himetti faarfatame. Yaa nama jabaa nana, ati maaliif hamminaan koorta? Ati namni fuula Waaqaa duratti tuffatamtu, maaliif guyyaa guutuu koorta?
Unto the end, understanding for David, When Doeg the Edomite came and told Saul David went to the house of Achimelech. Why dost thou glory in malice, thou that art mighty in iniquity?
2 Ati namni nama gowwoomsitu, arrabni kee badiisa qopheessa; arrabni kee akkuma qarabaa qaramee ti.
All the day long thy tongue hath devised injustice: as a sharp razor, thou hast wrought deceit.
3 Ati waan gaarii irra waan hamaa jaallatta; dhugaa dubbachuu irra immoo soba dubbachuu jaallatta.
Thou hast loved malice more than goodness: and iniquity rather than to speak righteousness.
4 Yaa arraba gowwoomsituu nana, ati dubbii nama miidhu hunda jaallatta.
Thou hast loved all the words of ruin, O deceitful tongue.
5 Kanaafuu Waaqni bara baraan si balleessa: Inni dunkaana kee keessaa butee si ciccira; biyya jiraattotaa keessaas si buqqisa.
Therefore will God destroy thee for ever: he will pluck thee out, and remove thee from thy dwelling place: and thy root out of the land of the living.
6 Qajeeltonni waan kana arganii sodaatan; isaanis akkana jedhanii isatti kolfan;
The just shall see and fear, and shall laugh at him, and say:
7 “Kunoo, namicha Waaqa daʼoo isaa hin godhatin, qooda kanaa immoo baayʼina qabeenya isaa amanatee jalʼina ofiitti ciche!”
Behold the man that made not God his helper: But trusted in the abundance of his riches: and prevailed in his vanity.
8 Ani garuu akkuma ejersa mana Waaqaa keessatti lalisuu ti; baraa hamma bara baraattis, jaalala Waaqaa kan hin geeddaramne sana nan amanadha.
But I, as a fruitful olive tree in the house of God, have hoped in the mercy of God for ever, yea for ever and ever.
9 Sababii ati waan kana gooteef ani bara baraan sin galateeffadha; sababii maqaan kee gaarii taʼeef ani maqaa kee nan abdadha. Fuula qulqulloota kee durattis sin leellisa.
I will praise thee for ever, because thou hast done it: and I will wait on thy name, for it is good in the sight of thy saints.

< Faarfannaa 52 >