< Faarfannaa 50 >
1 Faarfannaa Asaaf. Waaqayyo, Humna Qabeessi dubbatee baʼa biiftuutii jalqabee hamma lixa biiftuutti lafa waameera.
Zabura ta Asaf. Maɗaukaki, Allah, Ubangiji, ya yi magana ya kuma kira duniya daga fitowar rana zuwa inda take fāɗuwa.
2 Xiyoon ishee miidhaginni ishee hirʼina hin qabne irraa Waaqni ni ibsa.
Daga Sihiyona, cikakkiya a kyau, Allah na haskakawa.
3 Waaqni keenya ni dhufa; hin calʼisus; ibiddi hamaan fuula isaa dura, bubbeen jabaanis naannoo isaa jira.
Allahnmu yana zuwa ba kuwa zai yi shiru ba; wuta mai cinyewa a gabansa, babban hadari kuma ya kewaye shi.
4 Inni saba isaatti muruuf jedhee, samiiwwan oliitii fi lafa akkana jedhee ni waama:
Ya kira sammai da suke bisa, da duniya, don yă shari’anta mutanensa.
5 “Qulqulloota koo warra aarsaadhaan na wajjin kakuu galan, gara kootti walitti naa qabaa.”
“Ku tattara mini shafaffuna, waɗanda suka yi alkawari da ni ta wurin hadaya.”
6 Samiiwwan qajeelummaa isaa ni labsu; Waaqni mataan isaa abbaa murtiitii.
Sammai kuwa sun yi shelar adalcinsa gama Allah kansa alƙali ne. (Sela)
7 “Yaa saba ko, nan dubbadhaatii dhagaʼi; yaa Israaʼel, ani dhugaa sitti nan baʼa: Ani Waaqni Waaqa kee ti.
“Ku ji, ya mutanena, zan kuwa yi magana, Ya Isra’ila, zan kuwa ba da shaida a kanku. Ni ne Allah, Allahnku.
8 Ani aarsaa keetiif sitti hin dheekkamu; aarsaan kee inni gubamu yeroo hunda fuula koo dura jira.
Ba na tsawata muku saboda hadayunku ko kuwa hadayunku na ƙonawa, waɗanda kuka taɓa kawo a gabana.
9 Ani dallaa kee keessaa korma, yookaan karra kee keessaa korbeessa reʼee hin barbaadu.
Ba na bukatan bijimi daga turkenku ko awaki daga garkunanku,
10 Bineensi bosonaa hundinuu, horiin tulluu kuma irratti bobbaʼus kan kootii.
gama kowace dabbar kurmi nawa ne, da kuma shanu a kan dubban tuddai.
11 Ani simbirroota tulluuwwan irraa hunda beeka; wanni lafa irra sosochoʼu hundinuus kan koo ti.
Na san kowane tsuntsun da yake a duwatsu kuma halittun filaye nawa ne.
12 Ani utuun beelaʼee iyyuu sitti hin himadhu ture; addunyaa fi wanni ishee keessa jiru hundi kanuma kootii.
Da a ce ina jin yunwa ai, ba sai na faɗa muku ba, gama duniyar nawa ne, da kome da yake cikinta.
13 Ani foon korommii nan nyaadhaa? Yookaan dhiiga reʼootaa nan dhugaa?
Ina cin naman bijimai ne ko ina shan jinin awaki ne?
14 “Aarsaa galataa Waaqaaf dhiʼeessi; wareega kee illee Waaqa Waan Hundaa Oliitiif galchi;
“Ku miƙa hadayar godiya ga Allah, ku cika alkawuranku ga Mafi Ɗaukaka,
15 guyyaa rakkinaa na waammadhu; ani sin oolchaa; atis ulfina naa kennita.”
ku kira gare ni a ranar wahala; zan cece ku, za ku kuwa girmama ni.”
16 Waaqni garuu nama hamaadhaan akkana jedha: “Ati seera koo labsuudhaaf, kakuu koos afaan keetiin dubbachuudhaaf mirga maalii qabda?
Amma ga mugaye, Allah ya ce, “Wace dama ce kuke da ita na haddace dokokina ko na yin maganar alkawarina a leɓunanku?
17 Ati adaba koo ni jibbita; dubbii koos of duubatti gatta.
Kun ƙi umarnina kuka kuma zubar da kalmomina a bayanku
18 Ati yoo hattuu argite isa michuu godhatta; ejjitoota wajjinis qooda qabaatta.
Sa’ad da kuka ga ɓarawo, kukan haɗa kai da shi; kukan haɗa kai da mazinata.
19 Ati afaan kee waan hamaa dubbachuuf itti fayyadamta; arraba kees gowwoomsaadhaaf dheereffatta.
Kuna amfani da bakunanku don mugunta kuna kuma gyara harshenku don ruɗu.
20 Ati teessee obboleessa kee hamatta; ilma haadha kee maqaa balleessita.
Kuna ci gaba da magana a kan ɗan’uwanku ku kuma yi maganar ƙarya a kan ɗan mahaifinku.
21 Ati waan kana hunda hojjetteerta; ani immoo inuma calʼise; ati akkuma ofii keetii na seete. Amma garuu ani sin ifadha; ifatti baasees sin himadha.
Kun yi waɗannan abubuwa na kuwa yi shiru; kun ɗauka gaba ɗaya ni kamar ku ne. Amma zan tsawata muku in kuma zarge ku a fuskarku.
22 “Isin warri Waaqa irraanfattan waan kana hubadhaa; yoo kanaa achii ani isin nan ciccira; namni isin oolchu tokko iyyuu hin jiru.
“Ku lura da wannan, ku da kuka manta da Allah, ko kuwa in yayyage ku kucu-kucu, ba kuma wanda zai cece ku.
23 Namni aarsaa galataa dhiʼeessu ulfina naa kenna; anis warra hirʼina hin qabnetti fayyisuu Waaqaa nan argisiisa.”
Shi wanda ya miƙa hadayun godiya yakan girmama ni, ya kuma shirya hanya saboda in nuna masa ceton Allah.”