< Faarfannaa 50 >

1 Faarfannaa Asaaf. Waaqayyo, Humna Qabeessi dubbatee baʼa biiftuutii jalqabee hamma lixa biiftuutti lafa waameera.
[A Psalm by Asaph.] The Mighty One, God, Jehovah, speaks, and summons the earth from the rising of the sun to its setting.
2 Xiyoon ishee miidhaginni ishee hirʼina hin qabne irraa Waaqni ni ibsa.
Out of Zion, the perfection of beauty, God shines forth.
3 Waaqni keenya ni dhufa; hin calʼisus; ibiddi hamaan fuula isaa dura, bubbeen jabaanis naannoo isaa jira.
Our God comes, and does not keep silent. A fire devours before him. It is very stormy around him.
4 Inni saba isaatti muruuf jedhee, samiiwwan oliitii fi lafa akkana jedhee ni waama:
He calls to the heavens above, to the earth, that he may judge his people:
5 “Qulqulloota koo warra aarsaadhaan na wajjin kakuu galan, gara kootti walitti naa qabaa.”
"Gather my faithful ones together to me, those who have made a covenant with me by sacrifice."
6 Samiiwwan qajeelummaa isaa ni labsu; Waaqni mataan isaa abbaa murtiitii.
The heavens shall declare his righteousness, for God himself is judge. (Selah)
7 “Yaa saba ko, nan dubbadhaatii dhagaʼi; yaa Israaʼel, ani dhugaa sitti nan baʼa: Ani Waaqni Waaqa kee ti.
"Hear, my people, and I will speak; Israel, and I will testify against you. I am God, your God.
8 Ani aarsaa keetiif sitti hin dheekkamu; aarsaan kee inni gubamu yeroo hunda fuula koo dura jira.
I do not rebuke you for your sacrifices. Your burnt offerings are continually before me.
9 Ani dallaa kee keessaa korma, yookaan karra kee keessaa korbeessa reʼee hin barbaadu.
I have no need for a bull from your stall, nor male goats from your pens.
10 Bineensi bosonaa hundinuu, horiin tulluu kuma irratti bobbaʼus kan kootii.
For every animal of the forest is mine, and the livestock on a thousand hills.
11 Ani simbirroota tulluuwwan irraa hunda beeka; wanni lafa irra sosochoʼu hundinuus kan koo ti.
I know all the birds of the mountains. The wild animals of the field are mine.
12 Ani utuun beelaʼee iyyuu sitti hin himadhu ture; addunyaa fi wanni ishee keessa jiru hundi kanuma kootii.
If I were hungry, I would not tell you, for the world is mine, and all that is in it.
13 Ani foon korommii nan nyaadhaa? Yookaan dhiiga reʼootaa nan dhugaa?
Will I eat the flesh of bulls, or drink the blood of goats?
14 “Aarsaa galataa Waaqaaf dhiʼeessi; wareega kee illee Waaqa Waan Hundaa Oliitiif galchi;
Offer to God the sacrifice of thanksgiving. Pay your vows to the Most High.
15 guyyaa rakkinaa na waammadhu; ani sin oolchaa; atis ulfina naa kennita.”
Call on me in the day of trouble. I will deliver you, and you will honor me."
16 Waaqni garuu nama hamaadhaan akkana jedha: “Ati seera koo labsuudhaaf, kakuu koos afaan keetiin dubbachuudhaaf mirga maalii qabda?
But to the wicked God says, "What right do you have to declare my statutes, that you have taken my covenant on your lips,
17 Ati adaba koo ni jibbita; dubbii koos of duubatti gatta.
seeing you hate instruction, and throw my words behind you?
18 Ati yoo hattuu argite isa michuu godhatta; ejjitoota wajjinis qooda qabaatta.
When you saw a thief, you consented with him, and have participated with adulterers.
19 Ati afaan kee waan hamaa dubbachuuf itti fayyadamta; arraba kees gowwoomsaadhaaf dheereffatta.
"You give your mouth to evil. Your tongue frames deceit.
20 Ati teessee obboleessa kee hamatta; ilma haadha kee maqaa balleessita.
You sit and speak against your brother. You slander your own mother's son.
21 Ati waan kana hunda hojjetteerta; ani immoo inuma calʼise; ati akkuma ofii keetii na seete. Amma garuu ani sin ifadha; ifatti baasees sin himadha.
You have done these things, and I kept silent. You thought that I was just like you. I will rebuke you, and accuse you in front of your eyes.
22 “Isin warri Waaqa irraanfattan waan kana hubadhaa; yoo kanaa achii ani isin nan ciccira; namni isin oolchu tokko iyyuu hin jiru.
"Now consider this, you who forget God, lest I tear you into pieces, and there be none to deliver.
23 Namni aarsaa galataa dhiʼeessu ulfina naa kenna; anis warra hirʼina hin qabnetti fayyisuu Waaqaa nan argisiisa.”
Whoever offers the sacrifice of thanksgiving glorifies me; and to him who orders his conduct I will show the salvation of God."

< Faarfannaa 50 >