< Faarfannaa 5 >

1 Faarfannaa Daawitii kan ululleedhaan faarfatamu. Yaa Waaqayyo, gurra kee dubbii kootti qabi; aaduu koo illee naa hubadhu.
برای سالار مغنیان برذوات نفخه. مزمور داود ای خداوند، به سخنان من گوش بده! درتفکر من تامل فرما!۱
2 Yaa mootii koo fi Waaqa ko, iyya ani gargaarsaaf iyyadhu dhaggeeffadhu; ani sin kadhadhaatii.
‌ای پادشاه و خدای من، به آواز فریادم توجه کن زیرا که نزد تو دعامی کنم.۲
3 Yaa Waaqayyo, ganamaan sagalee koo ni dhageessa; anis ganamaan kadhata koo fuula kee duratti nan dhiʼeessa; abdiidhaanis nan eeggadha.
‌ای خداوند صبحگاهان آواز مراخواهی شنید؛ بامدادان (دعای خود را) نزد توآراسته می‌کنم و انتظار می‌کشم.۳
4 Ati Waaqa hamminatti gammadu miti; hamaanis si wajjin hin jiraatu.
زیرا تو خدایی نیستی که به شرارت راغب باشی، و گناهکار نزدتو ساکن نخواهد شد.۴
5 Of tuultonni fuula kee dura dhaabachuu hin dandaʼan. Atis warra jalʼina hojjetan hunda ni jibbita;
متکبران در نظر تونخواهند ایستاد. از همه بطالت کنندگان نفرت می‌کنی.۵
6 Ati warra soba dubbatan ni balleessita. Waaqayyo warra dhiiga dheebotanii fi warra nama gowwoomsan ni xireeffata.
دروغ‌گویان را هلاک خواهی ساخت. خداوند شخص خونی و حیله گر را مکروه می‌دارد.۶
7 Ani garuu araara kee baayʼee sanaan mana keetti ol nan gala; si sodaachuudhaanis gad jedhee gara mana qulqullummaa kee qulqulluu sanaatti garagalee nan sagada.
و اما من از کثرت رحمت تو به خانه ات داخل خواهم شد، و از ترس تو بسوی هیکل قدس تو عبادت خواهم نمود.۷
8 Yaa Waaqayyo, sababii diinota kootiif jedhiitii qajeelummaa keetiin na dura buʼi; karaa kees fuula koo duratti naa qajeelchi.
‌ای خداوند، بسبب دشمنانم مرا به عدالت خود هدایت نما وراه خود را پیش روی من راست گردان.۸
9 Dubbiin afaan isaaniitii baʼu tokko iyyuu hin amanamu; garaan isaanii badiisaan guutameera. Laagaan isaanii awwaala banamaa dha; arraba isaaniitiin ni sobu.
زیرا در زبان ایشان راستی نیست؛ باطن ایشان محض شرارت است؛ گلوی ایشان قبرگشاده است و زبانهای خود را جلا می‌دهند.۹
10 Yaa Waaqayyo, yakkitoota taʼuu isaanii isaanitti beeksisi! Daba isaaniitiinis haa kufan. Baayʼina cubbuu isaaniitiin isaan balleessi; isaan sitti fincilaniiruutii.
‌ای خدا، ایشان را ملزم ساز تا به‌سبب مشورتهای خود بیفتند، و به کثرت خطایای ایشان، ایشان را دور انداز زیرا که بر تو فتنه کرده‌اند،۱۰
11 Warri kooluu sitti galan hundinuu garuu haa gammadan; bara baraanis gammachuudhaan haa faarfatan. Akka warri maqaa kee jaallatan sitti gammadaniif ati eegumsa kee isaan irra diriirsi.
و همه متوکلانت شادی خواهند کرد و تا به ابد ترنم خواهند نمود. زیرا که ملجاء ایشان تو هستی و آنانی که اسم تو را دوست می‌دارند درتو وجد خواهند نمود.۱۱
12 Yaa Waaqayyo, ati qajeeltota ni eebbiftaatii; akka gaachanaattis surraa keetiin isaan marsita.
زیرا تو‌ای خداوند مردعادل را برکت خواهی داد، او را به رضامندی مثل سپر احاطه خواهی نمود.۱۲

< Faarfannaa 5 >