< Faarfannaa 48 >

1 Weedduu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, tulluu isaa qulqulluu irrattis, Waaqayyo guddaa dha; waan hundaa olittis galanni isaaf mala.
Waƙa ce. Zabura ta’ya’yan Kora maza. Ubangiji mai girma ne, kuma mafificin yabo, a birnin Allahnmu, dutsensa mai tsarki.
2 Tulluun Xiyoon gara kaabaatti argama; dheerina isaatiinis ni bareeda. Innis gammachuu addunyaa hundaa ti; magaalaa Mooticha Guddaatis.
Kyakkyawa ce cikin tsayinta, abin farin cikin dukan duniya. Kamar ƙwanƙoli mafi tsayi na Zafon ne Dutsen Sihiyona, birnin Babban Sarki.
3 Waaqni daʼannoo ishee keessa jira; inni daʼannoo ishee taʼuu isaa argisiiseera.
Allah yana cikin fadodinta; ya nuna kansa mafaka ce gare ta.
4 Mootonni humna walitti daratanii tokkummaadhaan itti qajeelan.
Sa’ad da sarakuna suka haɗa rundunoni, sa’ad da suka yi gaba tare,
5 Isaanis ishee arganii dinqifatan; sodaataniis baqatan.
sun gan ta suka kuwa yi mamaki; suka gudu don tsoro.
6 Achittis akkuma muddama dubartii ciniinsifattuutti, hollannaan isaan qabate.
Rawar jiki ya kama su a can, zafi kamar na mace mai naƙuda.
7 Atis bubbee baʼa biiftuutiin dooniiwwan Tarshiish caccabsite.
Ka hallaka su kamar jiragen ruwan Tarshish da iskar gabas ta wargaje.
8 Akkuma dhageenye sana, magaalaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu keessatti, magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, akkasuma argineerra; Waaqni bara baraan jabeessee ishee dhaaba.
Yadda muka ji, haka muka gani a cikin birnin Ubangiji Maɗaukaki, a cikin birnin Allahnmu. Allah ya sa ta zauna lafiya har abada. (Sela)
9 Yaa Waaqayyo, nu mana qulqullummaa kee keessatti, jaalala kee kan hin geeddaramne sana irra deddeebinee yaadna.
Cikin haikalinka, ya Allah, mun yi tunani a kan ƙaunarka marar ƙarewa.
10 Yaa Waaqayyo, galanni kee akkuma maqaa keetii handaara lafaa gaʼa; harki kee mirgaas qajeelummaan guutameera.
Kamar sunanka, ya Allah, yabonka ya kai iyakokin duniya; hannunka na dama ya cika da adalci.
11 Sababii murtii keetiitiif, Tulluun Xiyoon haa gammaddu; intallan Yihuudaas haa ililchan.
Dutsen Sihiyona ya yi farin ciki, ƙauyukan Yahuda suna murna saboda hukuntanka.
12 Xiyoon irra naannaʼaa; naannoo ishee irras adeemaa; gamoowwan ishees lakkaaʼaa.
Yi tafiya cikin Sihiyona, ku kewaye ta, ku ƙirga hasumiyoyinta,
13 Dhaloota itti aanutti akka himtaniif, dallaa eegumsa ishee sirriitti hubadhaa; galma ishees ilaalaa.
ku lura da katangarta da kyau, ku dubi fadodinta, don ku faɗe su ga tsara mai zuwa.
14 Waaqni kun bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaatii; inni hamma dhumaatti illee nu qajeelcha.
Gama wannan Allah shi ne Allahnmu har abada abadin; zai zama jagorarmu har zuwa ƙarshe.

< Faarfannaa 48 >