< Faarfannaa 48 >

1 Weedduu. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, tulluu isaa qulqulluu irrattis, Waaqayyo guddaa dha; waan hundaa olittis galanni isaaf mala.
A Song. A Psalm by the sons of Korah. Great is the LORD, and greatly to be praised, in the city of our God, in his holy mountain.
2 Tulluun Xiyoon gara kaabaatti argama; dheerina isaatiinis ni bareeda. Innis gammachuu addunyaa hundaa ti; magaalaa Mooticha Guddaatis.
Beautiful in elevation, the joy of the whole earth, is Mount Zion, on the north sides, the city of the great King.
3 Waaqni daʼannoo ishee keessa jira; inni daʼannoo ishee taʼuu isaa argisiiseera.
God has shown himself in her citadels as a refuge.
4 Mootonni humna walitti daratanii tokkummaadhaan itti qajeelan.
For, behold, the kings assembled themselves, they passed by together.
5 Isaanis ishee arganii dinqifatan; sodaataniis baqatan.
They saw it, then they were amazed. They were dismayed. They hurried away.
6 Achittis akkuma muddama dubartii ciniinsifattuutti, hollannaan isaan qabate.
Trembling took hold of them there, pain, as of a woman in travail.
7 Atis bubbee baʼa biiftuutiin dooniiwwan Tarshiish caccabsite.
With the east wind, you break the ships of Tarshish.
8 Akkuma dhageenye sana, magaalaa Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuu keessatti, magaalaa Waaqa keenyaa keessatti, akkasuma argineerra; Waaqni bara baraan jabeessee ishee dhaaba.
As we have heard, so we have seen, in the city of the LORD of Armies, in the city of our God. God will establish it forever. (Selah)
9 Yaa Waaqayyo, nu mana qulqullummaa kee keessatti, jaalala kee kan hin geeddaramne sana irra deddeebinee yaadna.
We have thought about your loving kindness, God, in the middle of your temple.
10 Yaa Waaqayyo, galanni kee akkuma maqaa keetii handaara lafaa gaʼa; harki kee mirgaas qajeelummaan guutameera.
As is your name, God, so is your praise to the ends of the earth. Your right hand is full of righteousness.
11 Sababii murtii keetiitiif, Tulluun Xiyoon haa gammaddu; intallan Yihuudaas haa ililchan.
Let Mount Zion be glad! Let the daughters of Judah rejoice because of your judgments.
12 Xiyoon irra naannaʼaa; naannoo ishee irras adeemaa; gamoowwan ishees lakkaaʼaa.
Walk about Zion, and go around her. Number its towers.
13 Dhaloota itti aanutti akka himtaniif, dallaa eegumsa ishee sirriitti hubadhaa; galma ishees ilaalaa.
Notice her bulwarks. Consider her palaces, that you may tell it to the next generation.
14 Waaqni kun bara baraa hamma bara baraatti Waaqa keenyaatii; inni hamma dhumaatti illee nu qajeelcha.
For this God is our God forever and ever. He will be our guide even to death.

< Faarfannaa 48 >