< Faarfannaa 47 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Isin saboonni hundinuu harka keessan rukutaa; sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan Waaqaaf ililchaa.
Pigeni makofi, enyi watu wote; mpigieni Mungu kelele za ushindi.
2 Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii, Mootichi guddaan lafa hundumaa, sodaachisaadhaatii!
Kwa maana Yahwe Aliye Juu anatisha; ni Mfalme mkuu dunia yote.
3 Inni saboota nu jala, namootas miilla keenya jala galcheera.
Yeye anawatiisha chini yetu na mataifa chini ya miguu yetu.
4 Innis nu warra Yaaqoob isa inni jaallate sanaaf ulfina taaneef, dhaala keenya nuu fileera.
Yeye huchagua urithi kwa ajili yetu, utukufu wa Yakobo ambaye alimpenda. Serah
5 Waaqni ililleedhaan, Waaqayyo sagalee malakataatiin ol baʼe.
Mungu ameinuliwa juu kwa shangwe, Kwa mbiu ya shangwe Yahwe yu juu.
6 Faarfannaa galataa Waaqaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa faarfadhaa; faarfannaa galataa Mootii keenyaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa faarfadhaa.
Mwimbieni Mungu sifa, imbeni sifa; mwimbieni sifa Mfalme wetu, imbeni sifa.
7 Waaqni Mootii lafa hundaa ti; faarfannaa galataa hubannaadhaan faarfadhaa.
Kwa maana Mungu ni Mfalme duniani kote; mwimbieni mkiwa na uelewa.
8 Waaqni saboota irratti Mootii dha; Waaqni teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera.
Mungu anatawala mataifa yote; Mungu hukaa kwenye kiti cha enzi.
9 Qondaaltonni sabootaa, akkuma saba Waaqa Abrahaamitti walitti qabamu; mootonni lafa irraa kan Waaqaatii; innis guddisee ol ol jedheera.
Wakuu wa watu wamekusanyika pamoja kwa watu wa Mungu wa Ibrahimu; kwa kuwa ngao za duniani ni za Mungu; yeye ameinuliwa juu sana.

< Faarfannaa 47 >