< Faarfannaa 47 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Isin saboonni hundinuu harka keessan rukutaa; sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan Waaqaaf ililchaa.
科辣黑後裔的詩歌,交與樂官。 萬民,你們要鼓掌歡騰,要向天主歡呼祝慶!
2 Waaqayyo Waaqa Waan Hundaa Olii, Mootichi guddaan lafa hundumaa, sodaachisaadhaatii!
上主至大至尊,可敬可畏,祂是統宇宙的偉大君主。
3 Inni saboota nu jala, namootas miilla keenya jala galcheera.
祂鎮壓萬民屬我們管轄,祂屈服列邦在我們腳下。
4 Innis nu warra Yaaqoob isa inni jaallate sanaaf ulfina taaneef, dhaala keenya nuu fileera.
祂為我們選定了我們的基業,即祂所鍾愛的雅各伯的光彩。
5 Waaqni ililleedhaan, Waaqayyo sagalee malakataatiin ol baʼe.
天主上升,有歡呼聲護送,上主騰空,有號角聲相從。
6 Faarfannaa galataa Waaqaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa faarfadhaa; faarfannaa galataa Mootii keenyaaf faarfadhaa; faarfannaa galataa faarfadhaa.
你們應歌頌,歌頌我們的天主,你們應歌頌,歌頌我們的君王。
7 Waaqni Mootii lafa hundaa ti; faarfannaa galataa hubannaadhaan faarfadhaa.
因為天主是普世的君王,你們都應該以詩歌讚揚。
8 Waaqni saboota irratti Mootii dha; Waaqni teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera.
天主作王統治萬國,天主登上聖座寶位。
9 Qondaaltonni sabootaa, akkuma saba Waaqa Abrahaamitti walitti qabamu; mootonni lafa irraa kan Waaqaatii; innis guddisee ol ol jedheera.
萬民的王侯聚起來,要作亞巴郎天主的子民;因為大地的權貴,盡屬於天主,唯有天主至高至尊。

< Faarfannaa 47 >