< Faarfannaa 46 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Haala Alaamootiitiin. Waaqni daʼoo fi jabina keenya; inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.
Don mai bi da kaɗe-kaɗe. Ta’Ya’yan Kora maza. Bisa ga alamot Waƙa ce. Allah ne mafakarmu da ƙarfinmu, kullum yana a shirye yă taimaka a lokacin wahala.
2 Kanaafuu yoo lafti raafamtee tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.
Saboda haka ba za mu ji tsoro ba, ko da ƙasa ta girgiza duwatsu kuma suka fāɗi cikin zurfin teku,
3 Utuu bishaan isaas huursee hoomachaaʼee tulluuwwanis raafama isaatiin sochoʼan iyyuu nu hin sodaannu.
ko da ruwansa suna ruri suna kumfa duwatsu kuma suna girgiza da tumbatsansu. (Sela)
4 Lagni yaaʼaan isaa magaalaa Waaqaa gammachiisu kan iddoo qulqulluu Waaqni Waan Hundaa Olii jiraatuuf gammachuu kennu tokko jira.
Akwai kogi mai rafuffukan da suke sa birnin Allah murna, tsattsarkan wuri inda Mafi Ɗaukaka ke zama.
5 Waaqni magaalattii keessa jira; isheenis hin raafamtu; ganama barii Waaqni ishee gargaara.
Allah yana cikinta, ba za tă fāɗi ba; Allah zai taimake ta da safe.
6 Saboonni ni raafaman; mootummoonnis ni kufan; inni sagalee isaa dhageessise; laftis ni baqxe.
Al’ummai suna hayaniya, mulkoki sun fāɗi; ya ɗaga muryarsa, duniya ta narke.
7 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira; Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.
Ubangiji Maɗaukaki yana tare da mu; Allah na Yaƙub ne kagararmu. (Sela)
8 Kottaa, hojii Waaqayyoo ilaalaa; badiisa inni lafa irratti fides argaa.
Zo ku ga ayyukan Ubangiji, kangon da ya kawo a kan duniya.
9 Inni hamma handaara lafaatti waraana ni balleessa; iddaa ni cabsa; eeboo ni burkuteessa; gaachanas ibiddaan guba.
Ya sa yaƙoƙi suka yi tsit ko’ina a duniya. Ya kakkarya bakkuna ya kuma ragargaza māsu, ya ƙone garkuwoyi da wuta.
10 “Calʼisaa; akka ani Waaqa taʼes beekaa; ani saboota gidduutti ol ol nan jedha; lafa irrattis ol ol nan jedha.”
“Ku natsu ku kuma san cewa ni ne Allah; za a ɗaukaka ni a cikin al’ummai, za a ɗaukaka ni cikin duniya.”
11 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira; Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.
Ubangiji Maɗaukaki yana tare da mu; Allah na Yaƙub ne kagararmu. (Sela)

< Faarfannaa 46 >