< Faarfannaa 46 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Ilmaan Qooraahi. Haala Alaamootiitiin. Waaqni daʼoo fi jabina keenya; inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.
God is the one who protects us and causes us to be strong; he is always ready to help us when we have troubles.
2 Kanaafuu yoo lafti raafamtee tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.
So, even if the earth shakes, we will not be afraid. Even if the mountains fall into the middle of the sea,
3 Utuu bishaan isaas huursee hoomachaaʼee tulluuwwanis raafama isaatiin sochoʼan iyyuu nu hin sodaannu.
and if the water in the sea roars and foams, and the hills shake violently, we will not be afraid!
4 Lagni yaaʼaan isaa magaalaa Waaqaa gammachiisu kan iddoo qulqulluu Waaqni Waan Hundaa Olii jiraatuuf gammachuu kennu tokko jira.
[Blessings that come from] God are like a river that makes everyone in the city where [we worship] God joyful. It is the city where the temple of God, who is greater than any other god, exists.
5 Waaqni magaalattii keessa jira; isheenis hin raafamtu; ganama barii Waaqni ishee gargaara.
God is in this city, and it will never be destroyed; he will [come to] help [the people in] that city at dawn every day.
6 Saboonni ni raafaman; mootummoonnis ni kufan; inni sagalee isaa dhageessise; laftis ni baqxe.
[Sometimes] the [people of many] nations are terrified; kingdoms (are overthrown/cease to exist); God speaks [loudly like thunder], and the earth melts (OR, people everywhere become terrified) [MET].
7 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira; Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.
But Yahweh, the commander of the armies of heaven, is with us; the God whom Jacob worshiped (OR, we Israeli people worship) is our refuge.
8 Kottaa, hojii Waaqayyoo ilaalaa; badiisa inni lafa irratti fides argaa.
Come and (see/think about) the amazing things that Yahweh has done [DOU]!
9 Inni hamma handaara lafaatti waraana ni balleessa; iddaa ni cabsa; eeboo ni burkuteessa; gaachanas ibiddaan guba.
He stops wars all over the world; he breaks bows [and arrows]; he destroys spears; he burns up shields.
10 “Calʼisaa; akka ani Waaqa taʼes beekaa; ani saboota gidduutti ol ol nan jedha; lafa irrattis ol ol nan jedha.”
[God says], “Be quiet, and remember that I am God! I will be honored by the people of all nations. I will be honored all over the earth.”
11 Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira; Waaqni Yaaqoob daʼoo keenya.
[So never forget that] Yahweh, the commander of the armies of heaven, is with us; the God whom Jacob worshiped (OR, we Israeli people worship) is our refuge.

< Faarfannaa 46 >