< Faarfannaa 44 >
1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi. Yaa Waaqi, waan ati bara durii, jabana isaanii keessa hojjette sana, abbootiin keenya nutti himaniiru; nuus gurra keenyaan dhageenyeerra.
Don mai bi da kaɗe-kaɗe. Ta’ya’yan Kora maza. Maskil ne. Mun ji da kunnuwanmu, ya Allah; kakanninmu sun faɗa mana abin da ka aikata a kwanakinsu, tun dā can.
2 Ati harka keetiin saboota ariitee baafte; abbootii keenya immoo ni dhaabde; namoota ni balleessite; abbootii keenya garuu bilisa baafte.
Da hannunka ka kori al’ummai ka kuma dasa kakanninmu; ka ragargaza mutanen ka kuma sa kakanninmu suka haɓaka.
3 Harka kee mirgaatiin, irree keetii fi ifa fuula keetiitiin dhaalan malee isaan goraadee isaaniitiin lafa sana hin dhaalle; yookaan irreen isaanii moʼannoo isaaniif hin fidne; ati isaan jaallatteertaatii.
Ba da takobinsu ba ne suka ci ƙasar, ba kuwa ƙarfin hannunsu ne ya ba su nasara ba; hannun damanka ne, ƙarfin hannunka, da kuma hasken fuskarka, gama ka ƙaunace su.
4 Ati Mootii koo fi Waaqa koo kan Yaaqoobiif moʼicha ajajjuu dha.
Kai ne Sarkina da kuma Allahna, wanda ya ba da nasarori wa Yaƙub.
5 Nu siin diinota keenya duubatti deebifna; maqaa keetiinis amajaajota keenya gad dhidhiinna.
Ta wurinka mun tura abokan gābanmu baya; ta wurin sunanka muka tattake maƙiyanmu.
6 Ani iddaa koo hin amanadhu; goraadeen koos moʼannaa naa hin fidu;
Ba na dogara ga bakana, takobina ba ya kawo nasara;
7 ati garuu diinota keenya jalaa nu oolchita; warra nu jibban immoo ni qaanessita.
amma kana ba mu nasara a kan abokan gābanmu, ka sa abokan gābanmu suka sha kunya.
8 Nu yeroo hundumaa Waaqaan dhaadanna; maqaa kees bara baraan ni galateeffanna.
A cikin Allah muke fariyarmu dukan yini, kuma za mu yabi sunanka har abada. (Sela)
9 Amma garuu ati nu gatteerta; gadis nu deebifteerta; ati loltoota keenya wajjin hin baane.
Amma yanzu ka ƙi mu ka kuma ƙasƙantar da mu; ba ka ƙara fita tare da mayaƙanmu.
10 Akka nu diinota keenya baqannu nu gooteerta; warri nu jibbanis nu saamaniiru.
Ka sa muka gudu a gaban abokin gāba, kuma abokan gābanmu suka washe mu.
11 Ati akka hoolota qalamuuf qopheeffamanii nu gooteerta; ormoota keessas nu bittinneessiteerta.
Ka ba da mu a cinye kamar tumaki ka kuma watsar da mu a cikin al’ummai.
12 Saba kee gatii xinnaatti gurgurteerta; gurgurtaa isaanii irraas buʼaa hin arganne.
Ka sayar da mutanenka a kuɗin da bai taka ƙara ya karye ba babu wata riba daga sayar da su da ka yi.
13 Ollaa keenya duratti nama kolfaa, warra naannoo keenyaa birattis waan qoosaatii fi nama tuffii nu gooteerta.
Ka mai da mu abin dariya ga maƙwabtanmu, abin dariya da reni ga waɗanda suke kewaye da mu.
14 Ormoota keessatti waan mammaaksaa nu goote; namoonnis mataa nutti raasan.
Ka sa muka zama abin ba’a a cikin al’ummai; mutanen suna kaɗa mana kai.
15 Salphinni koo guyyaa guutuu fuula koo dura jira; fuulli koos qaaniidhaan haguugameera.
Dukan yini ina cikin wulaƙanci, fuskata kuma ta rufu da kunya
16 Kunis sababii dubbii warra na tuffataniitii fi warra na arrabsaniitiif, sababii diinaatii fi sababii nama haaloo baafatuutiif taʼe.
saboda ba’ar waɗanda suke zagi suke kuma ƙina, saboda abokan gābana, waɗanda suka sha alwashi sai sun yi ramuwa.
17 Kun hundi nutti dhufeera; taʼus nu si hin daganne; yookaan kakuu kee keessatti amanamummaa hin dhabne.
Dukan wannan ya faru da mu, ko da yake ba mu manta da kai ba ko mu kasance masu ƙarya ga alkawarinka.
18 Garaan keenya dugda duubatti hin deebine; tarkaanfiin keenyas karaa kee irraa hin jalʼanne.
Zukatanmu ba su juya baya; ƙafafunmu ba su kauce daga hanyarka ba.
19 Ati garuu iddoo waangoonni jiraatanitti nu caccabsite; dukkana hamaadhaan nu haguugde.
Amma ka ragargaza mu ka kuma maishe mu abin farautar karnukan jeji ka kuma rufe mu cikin duhu baƙi ƙirin.
20 Utuu nu maqaa Waaqa keenyaa irraanfannee, yookaan utuu harka keenya gara waaqa ormaatti balʼifannee jiraannee,
Da a ce mun manta da sunan Allahnmu ko mun miƙa hannuwanmu ga baƙin alloli,
21 silaa Waaqni waan kana bira hin gaʼu turee? Inni icciitii garaa namaa beekaatii.
da Allah bai gane ba, da yake ya san asiran zuciya?
22 Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna; akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra.
Duk da haka saboda kai mun fuskanci mutuwa dukan yini; aka ɗauke mu kamar tumakin da za a yanka.
23 Yaa Gooftaa dammaqi! Ati maaliif rafta? Kaʼi! Bara baraanis nu hin gatin.
Ka farka, ya Ubangiji! Don me kake barci? Ta da kanka! Kada ka ƙi mu har abada.
24 Ati maaliif fuula kee dhokfatta? Maaliifis dhiphinaa fi hacuucamuu keenya irraanfatta?
Me ya sa ka ɓoye fuskarka ka manta da azabanmu da kuma danniyar da ake mana?
25 Lubbuun keenya biyyootti dabalamteertii; garaan keenyas lafatti maxxaneera.
An kai mu ƙasa zuwa ƙura; jikunanmu sun manne da ƙasa.
26 Kaʼiitii nu gargaar; sababii jaalala kee kan hin geeddaramneetiifis nu furi.
Ka tashi ka taimake mu; ka cece mu saboda ƙaunarka marar ƙarewa.