< Faarfannaa 43 >
1 Yaa Waaqi, naa murteessi; saba hin amanametti dubbii koo naa falmi; gowwoomsitootaa fi jalʼoota jalaas na baasi.
Döm mig, Gud, och uträtta min sak emot det oheliga folk; och fräls mig ifrå de falska och onda menniskor.
2 Ati Waaqa jabina kootii ti. Maaliif na gatte? Ani maaliifin diinaan cunqurfamee gaddaan jiraadha?
Ty du äst, Gud, min starkhet; hvi bortdrifver du mig? Hvi låter du mig gå så sorgse, då min fiende tränger mig?
3 Ifa keetii fi dhugaa kee ergi; isaan na haa qajeelchan; gara tulluu kee qulqulluutti, gara iddoo ati jiraattu sanaatti ana haa fiddan.
Sänd ditt ljus och dina sanning, att de leda mig, och föra mig till ditt helga berg, och till dina boning;
4 Yoos ani gara iddoo aarsaa Waaqaa, gara Waaqa gammachuu fi ilillee koo nan dhaqa. Yaa Waaqayyo, Waaqa ko, ani baganaadhaan sin galateeffadha.
Att jag ingår till Guds altare, till Gud, som min glädje och fröjd är, och tackar dig, Gud, på harpo, min Gud.
5 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu; ani amma iyyuu isa nan galateeffadha; Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.
Hvad bedröfvar du dig, min själ, och äst så orolig i mig? Hoppas uppå Gud; ty jag skall ännu tacka honom, att han mitt ansigtes hjelp och min Gud är.