< Faarfannaa 42 >
1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi. Akkuma gadamsi bishaan yaaʼutti gaggabu sana, yaa Waaqa ko, lubbuun koo sitti gaggabdi.
Kama ayala ayatamanivyo maji ya mto. ndivyo hivyo ninakiu yako, Mungu.
2 Lubbuun koo Waaqayyoon Waaqa jiraataa dheebotti. Ani yoomin dhaqee fuula Waaqaa arga?
Ninakiu yako Mungu, Mungu uliye hai, ni lini nitaonekana mbele zako?
3 Imimmaan koo halkanii guyyaa soora naa taʼeera; namoonni guyyaa guutuu “Waaqni kee eessa jira?” anaan jedhuutii.
Machozi yangu yamekuwa ni chakula changu mchana na usiku, wakati maadui zangu siku zote wanasema, “Yuko wapi Mungu wako?”
4 Ani yommuun waan kana yaadadhutti, lubbuu koo of keessatti nan dhangalaasa: ilillee fi faarfannaa galataatiin tuuta ayyaana ayyaaneffatu tokko, hiriiraan gara mana Waaqaatti geggeessaa tuuticha wajjin akkamitti akka ani deemaa ture yaadadha.
Mambo haya niayakumbuka ninapoumimina roho yangu: nilipoenda na umati wa watu na kuwaongoza kwenye nyumba ya Mungu kwa sauti ya shangwe na kusifu, ni wengi tulisherekea.
5 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra keeyyadhu; ani amma iyyuu isa nan jajadha. Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.
Roho yangu, kwa nini unainama? Kwa nini unahuzuni ndani yangu? Mtumaini Mungu, Kwa kuwa kwa mara nyingine nitamsifu yeye ambaye ni wokovu wangu.
6 Lubbuun koo na keessatti gadditeerti; kanaafuu ani biyya Yordaanos irraa, fiixee Hermoonii fi Gaara Miizaarii irraa si yaadadha.
Mungu wangu, roho yangu imeinama ndani yangu, kwa hiyo ninakukumbuka toka nchi ya Yordani, toka kwenye vilele vitatu vya mlima Hermoni, na toka mlima wa Mizari.
7 Huursaa fincaaʼaa keetiitiin, tuujubni tuujuba waama; dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu, narra yaaʼan.
Kina huita kina kwenye kelele za maporomoko ya maji yako; mawimbi na mafuriko yako yote yako juu yangu.
8 Waaqayyo guyyaadhaan jaalala isaa kan hin geeddaramne ni ajaja; halkan immoo faarfannaan isaa na wajjin jira; kunis kadhannaa ani Waaqa jireenya kootii kadhadhuu dha.
Wakati wa mchana Yahwe ataamuru uaminifu wa agano lake; na usiku wimbo wake utakuwa nami, ombi kwa Mungu wa uhai wangu.
9 Anis Waaqa Kattaa kootiin akkana nan jedha; “Ati maaliif na dagatte? Maaliif ani diinaan cunqurfamee gaddaan jiraadha?”
Nami nitasema kwa Mungu wangu, mwamba wangu, “Kwa nini umenisahau? Kwa nini ninaenenda katika maombolezo kwa sababu ya ukandamizaji wa adui yangu?”
10 Amajaajonni koo guyyaa guutuu, “Waaqni kee eessa jira?” jedhanii natti qoosudhaan, akkuma goraadee lafee koo keessaatti na dhiphisu.
Kama upanga mifupani pangu, maadui zangu wananikemea, siku zote wakiniambia, “Yuko wapi Mungu wako?”
11 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu; ani amma iyyuu isa nan galateeffadha; Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.
Roho yangu, kwa nini umeinama chini? Kwa nini unahuzuni ndani yangu? Mtumaini Mungu kwa kuwa nitamsifu tena yeye aliye wokovu wangu na Mungu wangu.