< Faarfannaa 42 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Maskiilii Ilmaan Qooraahi. Akkuma gadamsi bishaan yaaʼutti gaggabu sana, yaa Waaqa ko, lubbuun koo sitti gaggabdi.
For the choirmaster. A Maskil of the sons of Korah. As the deer pants for streams of water, so my soul longs after You, O God.
2 Lubbuun koo Waaqayyoon Waaqa jiraataa dheebotti. Ani yoomin dhaqee fuula Waaqaa arga?
My soul thirsts for God, the living God. When shall I come and appear in God’s presence?
3 Imimmaan koo halkanii guyyaa soora naa taʼeera; namoonni guyyaa guutuu “Waaqni kee eessa jira?” anaan jedhuutii.
My tears have been my food both day and night, while men ask me all day long, “Where is your God?”
4 Ani yommuun waan kana yaadadhutti, lubbuu koo of keessatti nan dhangalaasa: ilillee fi faarfannaa galataatiin tuuta ayyaana ayyaaneffatu tokko, hiriiraan gara mana Waaqaatti geggeessaa tuuticha wajjin akkamitti akka ani deemaa ture yaadadha.
These things come to mind as I pour out my soul: how I walked with the multitude, leading the procession to the house of God with shouts of joy and praise.
5 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra keeyyadhu; ani amma iyyuu isa nan jajadha. Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.
Why are you downcast, O my soul? Why the unease within me? Put your hope in God, for I will yet praise Him for the salvation of His presence.
6 Lubbuun koo na keessatti gadditeerti; kanaafuu ani biyya Yordaanos irraa, fiixee Hermoonii fi Gaara Miizaarii irraa si yaadadha.
O my God, my soul despairs within me. Therefore I remember You from the land of Jordan and the peaks of Hermon— even from Mount Mizar.
7 Huursaa fincaaʼaa keetiitiin, tuujubni tuujuba waama; dambalii fi dhaʼaan kee hundinuu, narra yaaʼan.
Deep calls to deep in the roar of Your waterfalls; all Your breakers and waves have rolled over me.
8 Waaqayyo guyyaadhaan jaalala isaa kan hin geeddaramne ni ajaja; halkan immoo faarfannaan isaa na wajjin jira; kunis kadhannaa ani Waaqa jireenya kootii kadhadhuu dha.
The LORD decrees His loving devotion by day, and at night His song is with me as a prayer to the God of my life.
9 Anis Waaqa Kattaa kootiin akkana nan jedha; “Ati maaliif na dagatte? Maaliif ani diinaan cunqurfamee gaddaan jiraadha?”
I say to God my Rock, “Why have You forgotten me? Why must I walk in sorrow because of the enemy’s oppression?”
10 Amajaajonni koo guyyaa guutuu, “Waaqni kee eessa jira?” jedhanii natti qoosudhaan, akkuma goraadee lafee koo keessaatti na dhiphisu.
Like the crushing of my bones, my enemies taunt me, while they say to me all day long, “Where is your God?”
11 Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita? Na keessattis maaliif raafamta? Abdii kee Waaqa irra kaaʼadhu; ani amma iyyuu isa nan galateeffadha; Fayyisaa koo fi Waaqa koo nan jajadha.
Why are you downcast, O my soul? Why the unease within me? Put your hope in God, for I will yet praise Him, my Savior and my God.

< Faarfannaa 42 >