< Faarfannaa 40 >
1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Ani obsaan Waaqayyoon nan eeggadhe; innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe.
Kwa mwimbishaji. Zaburi ya Daudi. Nilimngoja Bwana kwa saburi, naye akaniinamia, akasikia kilio changu.
2 Inni boolla sodaachisaa keessaa, dhoqqee nama liqimsu keessaas na baase; miilla koo kattaa irra dhaabe; ejjeta koos naa jabeesse.
Akanipandisha kutoka shimo la uharibifu, kutoka matope na utelezi; akaiweka miguu yangu juu ya mwamba na kunipa mahali imara pa kusimama.
3 Innis faarfannaa haaraa, faarfannaa galataas afaan koo keessa Waaqa keenyaaf kaaʼe. Namoonni baayʼeen arganii Waaqayyo sodaatu; isas ni amanatu.
Akaweka wimbo mpya kinywani mwangu, wimbo wa sifa kwa Mungu wetu. Wengi wataona na kuogopa na kuweka tumaini lao kwa Bwana.
4 Namni Waaqayyoon abdatu, kan gara of tuultotaa hin ilaalle, namni warra karaa irraa jalʼatanii waaqota sobaa duukaa buʼinitti hin gara galle eebbifamaa dha.
Heri mtu yule amfanyaye Bwana kuwa tumaini lake, asiyewategemea wenye kiburi, wale wenye kugeukia miungu ya uongo.
5 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, dinqiin ati hojjette baayʼee dha; waan ati nuuf yaadde, namni tokko tokkoon sitti himuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru; yoo ani waaʼee isaanii labsee dubbadhe illee, baayʼinni isaanii hamma hin qabu.
Ee Bwana Mungu wangu, umefanya mambo mengi ya ajabu. Mambo uliyopanga kwa ajili yetu hakuna awezaye kukuhesabia; kama ningesema na kuyaelezea, yangekuwa mengi mno kuyaelezea.
6 Ati aarsaa fi kennaa hin feene; gurra koo garuu naa banteerta; aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu ati hin barbaanne.
Dhabihu na sadaka hukuvitaka, lakini umefungua masikio yangu; sadaka za kuteketezwa na sadaka za dhambi hukuzihitaji.
7 Yeroo sana ani akkana nan jedhe; “Ani kunoo ti; ani dhufeera; waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera.
Ndipo niliposema, “Mimi hapa, nimekuja: imeandikwa kunihusu katika kitabu.
8 Yaa Waaqa ko, ani fedhii kee raawwachuutti nan gammada; seerri kee garaa koo keessa jira.”
Ee Mungu wangu, natamani kuyafanya mapenzi yako; sheria yako iko ndani ya moyo wangu.”
9 Ani yaaʼii guddaa keessatti qajeelummaa nan labsa; Yaa Waaqayyo, akkuma ati beektu, ani afaan koo hin qabadhu.
Nimehubiri haki katika kusanyiko kubwa, sikufunga mdomo wangu, Ee Bwana, kama ujuavyo.
10 Ani qajeelummaa kee garaa koo keessa hin dhoksu; waaʼee amanamummaa keetiitii fi waaʼee fayyisuu keetii nan odeessa; jaalala keetii fi dhugaa kees yaaʼii guddaa duraa hin dhoksu.
Sikuficha haki yako moyoni mwangu; ninasema juu ya uaminifu wako na wokovu wako. Sikuficha upendo wako na kweli yako mbele ya kusanyiko kubwa.
11 Yaa Waaqayyo araara kee na hin dhowwatin; jaalalli keetii fi dhugaan kee yeroo hunda ana haa eegan.
Ee Bwana, usizuilie huruma zako, upendo wako na kweli yako daima vinilinde.
12 Rakkinni hamma hin qabne na marseeraatii; cubbuun koos na liqimseera; arguus dadhabeera; cubbuun koo rifeensa mataa koo caalaa baayʼata; onneen koos na keessatti laafteerti.
Kwa maana taabu zisizo na hesabu zimenizunguka, dhambi zangu zimenikamata, hata nisiweze kuona. Zimekuwa nyingi kuliko nywele za kichwa changu, nao moyo unazimia ndani yangu.
13 Yaa Waaqayyo, na fayyisuutti gammadi; yaa Waaqayyo, na gargaaruudhaaf dafii kottu.
Ee Bwana, uwe radhi kuniokoa; Ee Bwana, njoo hima unisaidie.
14 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan hundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis. Warri badii koo hawwan hundi, qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
Wote wanaotafuta kuuondoa uhai wangu, waaibishwe na kufadhaishwa; wote wanaotamani kuangamizwa kwangu, warudishwe nyuma kwa aibu.
15 Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhan, qaanii isaaniitiin haa rifatan.
Wale waniambiao, “Aha! Aha!” wafadhaishwe na iwe aibu yao.
16 Warri si barbaadan hundinuu garuu sitti gammadanii haa ililchan. Warri fayyisuu kee jaallatan yeroo hunda, “Waaqayyo guddaa dha!” haa jedhan.
Lakini wote wakutafutao washangilie na kukufurahia, wale wapendao wokovu wako siku zote waseme, “Bwana atukuzwe!”
17 Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha; taʼus Gooftaan naaf yaada. Ati gargaarsa koo fi fayyisaa koo ti; yaa Waaqa ko, hin turin.
Lakini bado mimi ni maskini na mhitaji; Bwana na anifikirie. Wewe ndiwe msaada wangu na Mwokozi wangu; Ee Mungu wangu, usikawie.