< Faarfannaa 40 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Ani obsaan Waaqayyoon nan eeggadhe; innis gara kootti garagalee iyya koo naa dhagaʼe.
(Til sangmesteren. Af David. En salme.) Jeg biede troligt på Herren, han bøjede sig til mig, og hørte mit Skrig.
2 Inni boolla sodaachisaa keessaa, dhoqqee nama liqimsu keessaas na baase; miilla koo kattaa irra dhaabe; ejjeta koos naa jabeesse.
Han drog mig op af den brusende Grav, af det skidne Dynd, han satte min Fod på en Klippe, gav Skridtene Fasthed,
3 Innis faarfannaa haaraa, faarfannaa galataas afaan koo keessa Waaqa keenyaaf kaaʼe. Namoonni baayʼeen arganii Waaqayyo sodaatu; isas ni amanatu.
en ny Sang lagde han i min Mund, en Lovsang til vor Gud. Mange skal se det og frygte og stole på HERREN.
4 Namni Waaqayyoon abdatu, kan gara of tuultotaa hin ilaalle, namni warra karaa irraa jalʼatanii waaqota sobaa duukaa buʼinitti hin gara galle eebbifamaa dha.
Salig den Mand, der sætter sin Lid til HERREN, ej vender sig til hovmodige eller dem, der hælder til Løgn.
5 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, dinqiin ati hojjette baayʼee dha; waan ati nuuf yaadde, namni tokko tokkoon sitti himuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru; yoo ani waaʼee isaanii labsee dubbadhe illee, baayʼinni isaanii hamma hin qabu.
Mange Undere gjorde du, HERRE min Gud, og mange Tanker tænkte du for os; de kan ikke opregnes for dig; ellers forkyndte og fortalte jeg dem; til at tælles er de for mange.
6 Ati aarsaa fi kennaa hin feene; gurra koo garuu naa banteerta; aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu ati hin barbaanne.
Til Slagt- og Afgrødeoffer har du ej Lyst, du gav mig åbne Ører, Brænd- og Syndoffer kræver du ikke.
7 Yeroo sana ani akkana nan jedhe; “Ani kunoo ti; ani dhufeera; waaʼeen koo kitaaba maramaa keessatti barreeffameera.
Da sagde jeg: "Se, jeg kommer, i Bogrullen er der givet mig Forskrift;
8 Yaa Waaqa ko, ani fedhii kee raawwachuutti nan gammada; seerri kee garaa koo keessa jira.”
at gøre din Vilje, min Gud, er min Lyst, og din Lov er i mit Indre."
9 Ani yaaʼii guddaa keessatti qajeelummaa nan labsa; Yaa Waaqayyo, akkuma ati beektu, ani afaan koo hin qabadhu.
I en stor Forsamling forkyndte jeg Retfærd, se, mine Læber lukked jeg ikke; HERRE, du ved det.
10 Ani qajeelummaa kee garaa koo keessa hin dhoksu; waaʼee amanamummaa keetiitii fi waaʼee fayyisuu keetii nan odeessa; jaalala keetii fi dhugaa kees yaaʼii guddaa duraa hin dhoksu.
Din Retfærd dulgte jeg ej i mit Hjerte, din Trofasthed og Frelse talte jeg Om, din Nåde og Sandhed fornægted jeg ej i en stor Forsamling.
11 Yaa Waaqayyo araara kee na hin dhowwatin; jaalalli keetii fi dhugaan kee yeroo hunda ana haa eegan.
Du, HERRE, vil ikke lukke dit Hjerte for mig, din Nåde og Sandhed skal altid være mit Værn.
12 Rakkinni hamma hin qabne na marseeraatii; cubbuun koos na liqimseera; arguus dadhabeera; cubbuun koo rifeensa mataa koo caalaa baayʼata; onneen koos na keessatti laafteerti.
Thi Ulykker lejrer sig om mig i talløs Mængde, mine Synder har indhentet mig, så jeg ikke kan se, de er flere end Hovedets Hår, og Modet har svigtet.
13 Yaa Waaqayyo, na fayyisuutti gammadi; yaa Waaqayyo, na gargaaruudhaaf dafii kottu.
Du værdiges, HERRE, at fri mig, HERRE, il mig til Hjælp.
14 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan hundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis. Warri badii koo hawwan hundi, qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.
Lad dem beskæmmes og rødme, som vil mig til Livs, og de, der ønsker mig ondt, lad dem vige med Skændsel;
15 Warri, “Baga! Baga!” anaan jedhan, qaanii isaaniitiin haa rifatan.
Lad dem stivne af Rædsel ved deres Skam, de, som siger: "Ha, ha!" til mig!
16 Warri si barbaadan hundinuu garuu sitti gammadanii haa ililchan. Warri fayyisuu kee jaallatan yeroo hunda, “Waaqayyo guddaa dha!” haa jedhan.
Lad alle, som søger dig, frydes og glædes i dig; lad dem, som elsker din Frelse, bestandig sige: "HERREN er stor!"
17 Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha; taʼus Gooftaan naaf yaada. Ati gargaarsa koo fi fayyisaa koo ti; yaa Waaqa ko, hin turin.
Er jeg end arm og fattig, vil Herren dog tænke på mig. Du er min Hjælp og min Frelser; tøv ej, min Gud!

< Faarfannaa 40 >