< Faarfannaa 4 >

1 Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Baganaadhaan Faarfatamu. Yaa Waaqa qajeelumma kootii, yommuu ani si waammadhutti deebii naa kenni. Ati yeroo rakkina kootti na boqochiisi; araara kee naa buusi; kadhaa koos dhagaʼi.
Ki te tino kaiwhakatangi Nekinoto. He himene na Rawiri. Whakahokia mai he kupu ki ahau, e te Atua o toku tika, ina karanga ahau: i ahau i te pouri i whakaputaina ahau e koe; kia atawhai ki ahau, whakarongo ki taku inoi.
2 Yaa ilmaan namootaa, isin hamma yoomiitti ulfina koo gara salphinaatti deebiftu? Isin hamma yoomiitti waan faayidaa hin qabne jaallattanii soba barbaaddu?
E nga tama a te tangata, kia pehea te roa o ta koutou mea i toku kororia hei whakama, o ta koutou aroha ki te horihori, o ta koutou whai i te teka? (Hera)
3 Isin akka Waaqayyo warra isaaf bulan ofii isaatiif addaan baafate beekaa; Waaqayyo yommuu ani isa waammadhutti na dhagaʼa.
Otiia kia mohio koutou he mea momotu ke na Ihowa te tangata tapu mana: e whakarongo a Ihowa ua karanga ahau ki a ia.
4 Yeroo aartanitti cubbuu hin hojjetinaa; yommuu siree keessan irra jirtanitti, garaa keessan keessatti yaadaa; calʼisaas.
Kia oho koutou, a kaua e hara: korerorero ki o koutou ngakau i runga i o koutou moenga, me te ata takoto ano. (Hera)
5 Aarsaa qajeelummaa dhiʼeessaa; Waaqayyonis amanadhaa.
Patua nga whakahere o te tika, me te okioki ano ki a Ihowa.
6 Namoonni, “Eenyutu waan gaarii nu argi argisiisa?” jedhan baayʼee dha; yaa Waaqayyo, ifni fuula keetii nurratti haa ifu.
He tokomaha te mea ana, Ma wai e whakakite te pai ki a matou? Kia ara, e Ihowa, te marama o tou mata ki runga ki a matou.
7 Gammachuu isaan yeroo midhaanii fi daadhiin wayinii isaanii baayʼatutti argatan caalaa, ati garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteerta.
Hira ake te hari i homai e koe ki roto ki toku ngakau i to ratou i te wa i hua ai a ratou witi, ta ratou waina.
8 Ani nagaadhaan nan ciisa; nan rafas; yaa Waaqayyo si qofatu, sodaa malee na jiraachisaatii.
Ka takoto marire ahau, a moe tonu iho: ko koe anake hoki, e Ihowa, hei mea kia au toku noho.

< Faarfannaa 4 >