< Faarfannaa 4 >

1 Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit kan Baganaadhaan Faarfatamu. Yaa Waaqa qajeelumma kootii, yommuu ani si waammadhutti deebii naa kenni. Ati yeroo rakkina kootti na boqochiisi; araara kee naa buusi; kadhaa koos dhagaʼi.
لِقَائِدِ الْمُنْشِدِينَ عَلَى الآلاتِ الْوَتَرِيَّةِ. مَزْمُورٌ لِدَاوُدَ اسْتَجِبْ لِي عِنْدَمَا أَدْعُوكَ يَا إِلَهَ بِرِّي، فَقَدْ أَفْرَجْتَ لِي دَوْماً فِي الضِّيقِ، فَأَنْعِمْ عَلَيَّ وَأَصْغِ إِلَى صَلاتِي.١
2 Yaa ilmaan namootaa, isin hamma yoomiitti ulfina koo gara salphinaatti deebiftu? Isin hamma yoomiitti waan faayidaa hin qabne jaallattanii soba barbaaddu?
إِلَى مَتَى يَا بَنِي الْبَشَرِ تُحَوِّلُونَ مَجْدِي عَاراً؟ وَإِلَى مَتَى تُحِبُّونَ الأُمُورَ البَاطِلَةَ، وَتَسْعَوْنَ وَرَاءَ الأَكَاذِيبِ؟٢
3 Isin akka Waaqayyo warra isaaf bulan ofii isaatiif addaan baafate beekaa; Waaqayyo yommuu ani isa waammadhutti na dhagaʼa.
اعْلَمُوا أَنَّ الرَّبَّ قَدْ مَيَّزَ لِنَفْسِهِ تَقِيَّهُ؛ الرَّبُّ يَسْمَعُ عِنْدَمَا أَدْعُوهُ.٣
4 Yeroo aartanitti cubbuu hin hojjetinaa; yommuu siree keessan irra jirtanitti, garaa keessan keessatti yaadaa; calʼisaas.
ارْتَعِدُوا وَلَا تُخْطِئُوا. فَكِّرُوا فِي قُلُوبِكُمْ عَلَى مَضَاجِعِكُمْ مُلْتَزِمِين الصَّمْتَ.٤
5 Aarsaa qajeelummaa dhiʼeessaa; Waaqayyonis amanadhaa.
قَدِّمُوا ذَبَائِحَ الْبِرِّ، وَاتَّكِلُوا عَلَى الرَّبِّ.٥
6 Namoonni, “Eenyutu waan gaarii nu argi argisiisa?” jedhan baayʼee dha; yaa Waaqayyo, ifni fuula keetii nurratti haa ifu.
مَا أَكْثَرَ الْمُتَسَائِلِينَ: «مَنْ يُرِينَا خَيْراً؟» أَشْرِقْ عَلَيْنَا أَيُّهَا الرَّبُّ بِنُورِ وَجْهِكَ.٦
7 Gammachuu isaan yeroo midhaanii fi daadhiin wayinii isaanii baayʼatutti argatan caalaa, ati garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteerta.
غَرَسْتَ فِي قَلْبِي فَرَحاً أَعْظَمَ مِنْ فَرَحِ مَنِ امْتَلَأَتْ بُيُوتُهُمْ وَأَجْرَانُهُمْ بِالْحِنْطَةِ وَالْخَمْرِ الْجَدِيدَةِ.٧
8 Ani nagaadhaan nan ciisa; nan rafas; yaa Waaqayyo si qofatu, sodaa malee na jiraachisaatii.
بِسَلامٍ أَضْطَجِعُ وَأَنَامُ، لأَنَّكَ أَنْتَ وَحْدَكَ يَا رَبُّ تُنْعِمُ عَلَيَّ بِالطُّمَأْنِينَةِ وَالسَّلامِ.٨

< Faarfannaa 4 >