< Faarfannaa 39 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit. Ani akkana nan jedhe; “Ani karaa koo nan eeggadha; arraba koos cubbuu irraa nan ittisa; hamma namni hamaan na bira jiruttis, afaan kootti luugama nan kaaʼadha.” 2 Ani calʼisee akkuma duudaa nan taʼe; waan gaarii dubbachuu irraas of nan qusadhe; dhiphinni koo garuu ittuma caale; 3 onneen koo na keessatti bulluqaa deeme; yeroo ani irra deddeebiʼee yaadettis ibiddi sun ni bobaʼe; anis arraba kootiin akkana jedheen dubbadhe: 4 Yaa Waaqayyo, ati dhuma jireenya kootii na argisiisi; dheerina umurii kootiis na barsiisi; jireenyi koo akkam dafee akka darbus na beeksisi. 5 Kunoo, ati bara koo taakkuu tokkittii gooteerta; umuriin koos fuula kee duratti homaattuu hin hedamu; jireenyi nama hundumaas akkuma qilleensa shuf jedhee darbuu ti. 6 Dhuguma iyyuu namni akkuma gaaddidduu deddeebiʼa; dhugumaan inni akkasumaan goolama; namni qabeenya ni kuusa; garuu eenyuuf akka walitti qabu hin beeku. 7 “Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha? Abdiin koo suma irra jira. 8 Dogoggora koo hunda irraa na oolchi; nama gowwoonni itti kolfan na hin godhin. 9 Ani duudaa dha; afaan koos hin saaqqadhu; kan waan kana godhe sumaatii. 10 Ani rukuttaa harka keetiitiin dhumeeraatii; dhaʼicha kee narraa fuudhi. 11 Ati sababii cubbuu isaaniitiif namoota ifatta; ni adabdas; akkuma biliis qabeenya isaanii ni balleessita; dhugumaan namni hundinuu qilleensuma shuf jedhee darbuu dha. 12 “Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyus dhaggeeffadhu; booʼicha koos calʼistee hin ilaalin. Ani akka alagaatti si bira nan jiraadhaatii; akkuma abbootii koo hundumaattis ani nama biyya ormaa ti. 13 Utuun godaanee lafa irraa hin dhabamin dura akkan deebiʼee gammaduuf, ija kee narraa deebifadhu.”

< Faarfannaa 39 >