< Faarfannaa 39 >

1 Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit. Ani akkana nan jedhe; “Ani karaa koo nan eeggadha; arraba koos cubbuu irraa nan ittisa; hamma namni hamaan na bira jiruttis, afaan kootti luugama nan kaaʼadha.”
For the chief musician, for Jeduthun. A psalm of David. I decided, “I will watch what I say so that I do not sin with my tongue. I will muzzle my mouth while in the presence of an evil man.”
2 Ani calʼisee akkuma duudaa nan taʼe; waan gaarii dubbachuu irraas of nan qusadhe; dhiphinni koo garuu ittuma caale;
I kept silent; I kept back my words even from saying anything good, and my pain grew worse.
3 onneen koo na keessatti bulluqaa deeme; yeroo ani irra deddeebiʼee yaadettis ibiddi sun ni bobaʼe; anis arraba kootiin akkana jedheen dubbadhe:
My heart became hot; when I thought about these things, it burned like a fire. Then finally I spoke.
4 Yaa Waaqayyo, ati dhuma jireenya kootii na argisiisi; dheerina umurii kootiis na barsiisi; jireenyi koo akkam dafee akka darbus na beeksisi.
“Yahweh, make me know when will be the end of my life and the extent of my days. Show me how transient I am.
5 Kunoo, ati bara koo taakkuu tokkittii gooteerta; umuriin koos fuula kee duratti homaattuu hin hedamu; jireenyi nama hundumaas akkuma qilleensa shuf jedhee darbuu ti.
See, you have made my days only the width of my hand, and my lifetime is like nothing before you. Surely every man is a single breath. (Selah)
6 Dhuguma iyyuu namni akkuma gaaddidduu deddeebiʼa; dhugumaan inni akkasumaan goolama; namni qabeenya ni kuusa; garuu eenyuuf akka walitti qabu hin beeku.
Surely every man walks about like a shadow. Surely everyone hurries about to accumulate riches although they do not know who will receive them.
7 “Egaa amma yaa Gooftaa, ani maalin eeggadha? Abdiin koo suma irra jira.
Now, Lord, for what am I waiting? You are my only hope.
8 Dogoggora koo hunda irraa na oolchi; nama gowwoonni itti kolfan na hin godhin.
Rescue me from my sins; do not make me the reproach of fools.
9 Ani duudaa dha; afaan koos hin saaqqadhu; kan waan kana godhe sumaatii.
I am silent and cannot open my mouth, because it is you who has done it.
10 Ani rukuttaa harka keetiitiin dhumeeraatii; dhaʼicha kee narraa fuudhi.
Stop wounding me; I am overwhelmed by the blow of your hand.
11 Ati sababii cubbuu isaaniitiif namoota ifatta; ni adabdas; akkuma biliis qabeenya isaanii ni balleessita; dhugumaan namni hundinuu qilleensuma shuf jedhee darbuu dha.
When you discipline people for sin, you consume the things they desire like a moth; surely all people are nothing but vapor. (Selah)
12 “Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo naa dhagaʼi; iyya ani gargaarsa barbaachaaf iyyus dhaggeeffadhu; booʼicha koos calʼistee hin ilaalin. Ani akka alagaatti si bira nan jiraadhaatii; akkuma abbootii koo hundumaattis ani nama biyya ormaa ti.
Hear my prayer, Yahweh, and listen to me; listen to my weeping! Do not be deaf to me, for I am like a foreigner with you, a refugee like all my ancestors were.
13 Utuun godaanee lafa irraa hin dhabamin dura akkan deebiʼee gammaduuf, ija kee narraa deebifadhu.”
Turn your gaze from me so that I may smile again before I die.”

< Faarfannaa 39 >