< Faarfannaa 38 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaadannoodhaaf. Yaa Waaqayyo, aarii keetiin na hin ifatin yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.
大卫的纪念诗。 耶和华啊,求你不要在怒中责备我, 不要在烈怒中惩罚我!
2 Xiyyooliin kee na waraananiiru; harki kees akka malee natti ulfaateera.
因为,你的箭射入我身; 你的手压住我。
3 Sababii dheekkamsa keetiitiif dhagni koo fayyaa dhabeera; sababii cubbuu kootiifis lafeen koo nagaa dhabeera.
因你的恼怒,我的肉无一完全; 因我的罪过,我的骨头也不安宁。
4 Cubbuun koo na liqimseeraatii; akkuma baʼaa baatamuu hin dandaʼamne tokkoottis natti ulfaateera.
我的罪孽高过我的头, 如同重担叫我担当不起。
5 Sababii gowwummaa kootiitiif, madaan koo malaa naqate; ni ajaaʼes.
因我的愚昧, 我的伤发臭流脓。
6 Ani gad nan qabame; gadis nan cabe; guyyaa guutuus gaddaan oola.
我疼痛,大大拳曲, 终日哀痛。
7 Dugdi koo na bobaʼa; dhagni koos fayyaa hin qabu.
我满腰是火; 我的肉无一完全。
8 Ani laafeera; akka malees bututeera; garaan koo dhiphatee ani aadaan jira.
我被压伤,身体疲倦; 因心里不安,我就唉哼。
9 Yaa Gooftaa, hawwiin koo hundinuu fuula kee duratti beekamaa dha; argansuun koo si duraa hin dhokatu.
主啊,我的心愿都在你面前; 我的叹息不向你隐瞒。
10 Lapheen koo ni dhaʼatti; jilbis na laafeera; ifni ija kootiis badeera.
我心跳动,我力衰微, 连我眼中的光也没有了。
11 Michoonni koo fi miiltoon koo sababii madaa kootiitiif narraa hiiqan; firoonni koos narraa fagaatanii dhadhaabatu.
我的良朋密友因我的灾病都躲在旁边站着; 我的亲戚本家也远远地站立。
12 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan kiyyoo naa kaaʼaniiru; warri na miidhuu barbaadanis waaʼee badiisa kootii dubbatu; guyyaa guutuus hammina natti yaadu.
那寻索我命的设下网罗; 那想要害我的口出恶言, 终日思想诡计。
13 Ani garuu akkuma duudaa dhagaʼuu hin dandeenyee, akkuma arrab-didaa dubbachuu hin dandeenyeetii.
但我如聋子不听, 像哑巴不开口。
14 Ani akka nama dhagaʼuu hin dandeenyee, akkuma nama afaan isaa deebii kennuu hin dandeenyees taʼeera.
我如不听见的人, 口中没有回话。
15 Yaa Waaqayyo, ani sin eeggadha; yaa Waaqayyo Gooftaa ko, ati deebii naa kennita.
耶和华啊,我仰望你! 主—我的 神啊,你必应允我!
16 Ani, “Akka diinonni koo natti gammadan yookaan akka isaan yeroo miilli koo mucucaatutti natti of jajan hin eeyyamin” jedheeraatii.
我曾说:恐怕他们向我夸耀; 我失脚的时候,他们向我夸大。
17 Ani kufuu gaʼeeraatii; dhukkubbiin koos takkumaa na hin dhiifne.
我几乎跌倒; 我的痛苦常在我面前。
18 Ani balleessaa koo nan himadha; sababii cubbuu kootiitiifis nan gadda.
我要承认我的罪孽; 我要因我的罪忧愁。
19 Warri akkasumaan diinota koo taʼan jajjaboo dha; warri sababii malee na jibbanis hedduu dha.
但我的仇敌又活泼又强壮, 无理恨我的增多了。
20 Warri qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisan diinota koo ti; ani waan gaarii duukaa nan buʼaatii.
以恶报善的与我作对, 因我是追求良善。
21 Yaa Waaqayyo, ati na hin gatin; yaa Waaqa ko, narraa hin fagaatin.
耶和华啊,求你不要撇弃我! 我的 神啊,求你不要远离我!
22 Yaa Gooftaa, yaa fayyisaa ko, na gargaaruudhaaf ariifadhu!
拯救我的主啊,求你快快帮助我!

< Faarfannaa 38 >