< Faarfannaa 37 >

1 Faarfannaa Daawit. Ati sababii namoota hamootiif jettee hin aarin yookaan warra jalʼina hojjetanitti hin hinaafin.
By David. Do not fret because of evildoers, neither be envious against those who work unrighteousness.
2 Isaan akkuma margaa dafanii coollagu; akkuma biqiltuu misee dafanii gogu.
For they shall soon be cut down like the grass, and wither like the green herb.
3 Waaqayyoon amanadhu; waan gaariis hojjedhu; biyyattii keessa jiraadhu; nagaas qabaadhu.
Trust in the LORD, and do good. Dwell in the land, and enjoy safe pasture.
4 Waaqayyotti gammadi; innis hawwii garaa keetii siif guuta.
Also delight yourself in the LORD, and he will give you the desires of your heart.
5 Karaa kee Waaqayyotti kennadhu; isa amanadhu; inni siif milkeessa.
Commit your way to the LORD. Trust also in him, and he will do this:
6 Inni qajeelummaa kee akka aduu ganamaatti, murtii kee immoo akka aduu saafaatti ibsa.
he will make your righteousness shine out like light, and your justice as the noon day sun.
7 Waaqayyo duratti calʼisi; obsaanis isa eeggadhu; nama karaan isaa qajeeleefitti, kan hammina hojjetuttis hin hinaafin.
Rest in the LORD, and wait patiently for him. Do not fret because of him who prospers in his way, because of the man who makes wicked plots happen.
8 Aarii irraa of eegi; dheekkamsa irraas deebiʼi; hin aarin; aariin hammina qofatti nama geessaatii.
Cease from anger, and forsake wrath. Do not fret; it leads only to evildoing.
9 Namoonni hamoon ni balleeffamuutii; warri Waaqayyoon abdatan garuu lafa dhaalu.
For evildoers shall be cut off, but those who wait for the LORD shall inherit the land.
10 Namoonni hamoon yeroo xinnoodhaaf malee siʼachi hin jiraatan; yoo ati isaan barbaadde illee hin argaman.
For yet a little while, and the wicked will be no more. Yes, though you look for his place, he is not there.
11 Garraamonni garuu lafa ni dhaalu; nagaa guddaadhaanis ni gammadu.
But the humble shall inherit the land, and shall delight themselves in the abundance of peace.
12 Namoonni hamoon nama qajeelaatti mariʼatu; ilkaan isaaniis isatti qaratu;
The wicked plots against the just, and gnashes at him with his teeth.
13 Gooftaan hamootatti ni kolfa; inni akka guyyaan isaanii dhiʼaate ni beekaatii.
The Lord will laugh at him, for he sees that his day is coming.
14 Namoonni hamoon hiyyeeyyii fi rakkattoota lafaan dhaʼuudhaaf, warra karaan isaanii qajeelaa taʼe immoo gorraʼuudhaaf, goraadee isaanii luqqifatu; iddaa isaaniis ni dabsatu.
The wicked have drawn out the sword, and have bent their bow, to cast down the poor and needy, to kill those who are upright on the path.
15 Goraadeen isaanii garuu garaadhuma isaanii waraana; iddaan isaaniis ni caccaba.
Their sword shall enter into their own heart. Their bows shall be broken.
16 Badhaadhummaa hamoonni baayʼeen qaban irra, waan xinnoo namni qajeelaan qabu wayya;
Better is a little that the righteous has, than the abundance of many wicked.
17 humni hamootaa ni cabaatii; Waaqayyo garuu qajeeltota jabeessee ni dhaaba.
For the arms of the wicked shall be broken, but the LORD upholds the righteous.
18 Waaqayyo bara tolootaa ni beeka; dhaalli isaaniis bara baraan jiraata.
The LORD knows the days of the perfect. Their inheritance shall be forever.
19 Isaan bara hamaa keessa hin qaanaʼan; bara beelaa keessas ni quufu.
They shall not be disappointed in the time of evil. In the days of famine they shall be satisfied.
20 Namoonni hamoon garuu ni barbadaaʼu; diinonni Waaqayyoos akkuma miidhagina daraaraa dirree ti; isaan ni badu; akkuma aaraa ni badu.
But the wicked shall perish. The enemies of the LORD shall be like the beauty of the fields. They will vanish— vanish like smoke.
21 Namoonni hamoon ni liqeeffatu; garuu deebisanii of irraa hin baasan; qajeeltonni garuu arjummaadhaan kennu;
The wicked borrow, and do not pay back, but the righteous give generously.
22 warri Waaqayyo eebbisu lafa ni dhaalu; warri inni abaaru garuu ni balleeffamu.
For such as are blessed by him shall inherit the land. Those who are cursed by him shall be cut off.
23 Adeemsi nama Waaqayyo biraa ajajama; inni karaa namicha sanaatti ni gammada.
A man’s steps are established by the LORD. He delights in his way.
24 Inni yoo gufate illee lafa hin gaʼu; Waaqayyo harka isaatiin qabee isa dhaabaatii.
Though he stumble, he shall not fall, for the LORD holds him up with his hand.
25 Ani dargaggeessan ture; amma immoo dulloomeera; garuu qajeeltonni gatamuu isaanii yookaan ijoolleen isaaniis buddeena kadhachuu isaanii hin argine.
I have been young, and now am old, yet I have not seen the righteous forsaken, nor his children begging for bread.
26 Qajeeltonni yeroo hundumaa ni arjoomu; ni liqeessus; ijoolleen isaaniis ni eebbifamu.
All day long he deals graciously, and lends. His offspring is blessed.
27 Waan hamaa irraa deebiʼiitii waan gaarii hojjedhu; yoos ati bara baraan ni jiraatta.
Depart from evil, and do good. Live securely forever.
28 Waaqayyo murtii qajeelaa jaallataatii; warra isaaf amanamanis hin gatu. Isaanis bara baraan ni eegamu; sanyiin hamootaa garuu ni balleeffama.
For the LORD loves justice, and does not forsake his saints. They are preserved forever, but the children of the wicked shall be cut off.
29 Qajeeltonni lafa ni dhaalu; bara baraanis ishee irra ni jiraatu.
The righteous shall inherit the land, and live in it forever.
30 Afaan nama qajeelaa ogummaa dubbata; arrabni isaas murtii qajeelaa labsa.
The mouth of the righteous talks of wisdom. His tongue speaks justice.
31 Seerri Waaqa isaa garaa isaa keessa jira; miilli isaas hin mucucaatu.
The law of his God is in his heart. None of his steps shall slide.
32 Namoonni hamoon qajeeltota gaadu; isaan ajjeesuus ni barbaadu;
The wicked watch the righteous, and seek to kill him.
33 Waaqayyo garuu harka isaaniitti jara hin dhiisu yookaan yommuu isaan murtiitti dhiʼeeffamanitti, akka isaanitti murteeffamu hin eeyyamu.
The LORD will not leave him in his hand, nor condemn him when he is judged.
34 Waaqayyoon eeggadhu; karaa isaas eegi. Inni akka ati lafa dhaaltuuf ulfina siif kenna; atis badiisa hamootaa ni argita.
Wait for the LORD, and keep his way, and he will exalt you to inherit the land. When the wicked are cut off, you shall see it.
35 Nama hamaa fi gara jabeessa, isaa akkuma muka iddoon isaa itti tolee jiru nan arge.
I have seen the wicked in great power, spreading himself like a green tree in its native soil.
36 Ergasiis achiin nan darbe; inni garuu achi hin turre; ani cimsee isa nan barbaade; inni garuu hin argamne.
But he passed away, and behold, he was not. Yes, I sought him, but he could not be found.
37 Nama mudaa hin qabne yaadatti qabadhu; tolootas ilaali; sanyiin nama nagaa hin baduutii.
Mark the perfect man, and see the upright, for there is a future for the man of peace.
38 Cubbamoonni hundinuu garuu ni barbadeeffamu; galgalli nama hamaas hin tolu.
As for transgressors, they shall be destroyed together. The future of the wicked shall be cut off.
39 Fayyinni qajeeltotaa Waaqayyo biraa dhufa; inni yeroo rakkinaatti daʼoo isaanii ti.
But the salvation of the righteous is from the LORD. He is their stronghold in the time of trouble.
40 Waaqayyo isaan gargaara; isaan oolchas; harka namoota hamoo jalaa isaan baasa; isaan baraaras; isaan isatti kooluu galaniiruutii.
The LORD helps them and rescues them. He rescues them from the wicked and saves them, because they have taken refuge in him.

< Faarfannaa 37 >