< Faarfannaa 36 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit Garbicha Waaqayyoo. Ani waaʼee cubbamootaa, ergaa Waaqa bira dhufe garaa koo keessaa qaba: Waaqa sodaachuun ija isaanii dura hin jiru.
В конец, отроку Господню Давиду. Глаголет пребеззаконный согрешати в себе: несть страха Божия пред очима его:
2 Akka cubbuun isaanii ifatti baʼee hin jibbamneefis, isaan ijuma ofii isaanii duratti akka malee of saadu.
яко ульсти пред ним обрести беззаконие свое, и возненавидети.
3 Dubbiin afaan isaanii jalʼinaa fi gowwoomsaa dha; isaan ogummaadhaan hojjechuu fi waan gaarii gochuu dhiisaniiru.
Глаголы уст его беззаконие и лесть: не восхоте разумети еже ублажити.
4 Siree isaanii irratti iyyuu isaan hammina xaxu; karaa cubbuutti of kennu; waan hamaas hin lagatan.
Беззаконие помысли на ложи своем: предста всякому пути неблагу, о злобе же не негодова.
5 Yaa Waaqayyo, araarri kee samiiwwan bira, amanamummaan kees duumessa bira gaʼa.
Господи, на небеси милость Твоя, и истина Твоя до облак:
6 Qajeelummaan kee akka tulluuwwan gurguddaa ti; murtiin kees akkuma tuujuba guddaa ti. Yaa Waaqayyo, ati namaa fi bineensa ni jiraachifta.
правда Твоя яко горы Божия, судбы Твоя бездна многа: человеки и скоты спасеши, Господи.
7 Yaa Waaqi, jaalalli kee inni hin geeddaramne sun akkam ulfina qabeessa! Ilmaan namootaa, gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu galu.
Яко умножил еси милость Твою, Боже: сынове же человечестии в крове крилу Твоею надеятися имут.
8 Isaan badhaadhummaa mana keetii nyaatanii quufu; atis laga gammachuu keetii irraa isaan obaafta.
Упиются от тука дому Твоего, и потоком сладости Твоея напоиши я.
9 Burqaan jireenyaa si bira jiraatii; nu ifa keetiin ifa argina.
Яко у Тебе источник живота, во свете Твоем узрим свет.
10 Jaalala kee warra si beekaniif, qajeelummaa kees gara toleeyyiidhaaf ittuma fufi.
Пробави милость Твою ведущым Тя и правду Твою правым сердцем.
11 Miilli of tuultotaa natti hin dhufin; harki hamootaas dhiibee na hin fageessin.
Да не приидет мне нога гордыни, и рука грешнича да не подвижит мене.
12 Warri waan hamaa hojjetan kunoo kufanii diriiraniiru; gad darbatamaniiru; kaʼuus hin dandaʼan!
Тамо падоша вси делающии беззаконие: изриновени быша, и не возмогут стати.

< Faarfannaa 36 >