< Faarfannaa 35 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, warra anaan mormaniin mormi; warra na lolanis loli.
לדוד ריבה יהוה את-יריבי לחם את-לחמי
2 Gaachanaa fi miʼa lolaa qabadhu; na gargaaruudhaafis kaʼi.
החזק מגן וצנה וקומה בעזרתי
3 Warra na ariʼanitti eeboo fi bodee luqqifadhu. Lubbuu kootiinis, “Fayyinni kee ana” jedhi.
והרק חנית וסגר לקראת רדפי אמר לנפשי ישעתך אני
4 Warri lubbuu koo barbaadan, haa qaanaʼan; haa salphatanis; warri na balleessuuf mariʼatanis, abdii kutatanii duubatti haa deebiʼan.
יבשו ויכלמו מבקשי נפשי יסגו אחור ויחפרו--חשבי רעתי
5 Akka habaqii qilleensaan fudhatamee haa taʼan; ergamaan Waaqayyoos isaan haa ariʼu.
יהיו כמץ לפני-רוח ומלאך יהוה דוחה
6 Karaan isaanii dukkanaaʼaa fi mucucaataa haa taʼu; ergamaan Waaqayyoos isaan haa ariʼu.
יהי-דרכם חשך וחלקלקת ומלאך יהוה רדפם
7 Isaan sababii malee kiyyoo isaanii dhoksanii na dura kaaʼaniiruutii; sababii malees boolla naa qotaniiru;
כי-חנם טמנו-לי שחת רשתם חנם חפרו לנפשי
8 utuu inni hin beekin badiisni isatti haa dhufu; kiyyoon inni dhokse sunis isuma haa qabu; boolluma qote sanattis haa kufu.
תבואהו שואה לא-ידע ורשתו אשר-טמן תלכדו בשואה יפל-בה
9 Yoos lubbuun ko, Waaqayyotti gammaddi; fayyisuu isaattis ni ililchiti.
ונפשי תגיל ביהוה תשיש בישועתו
10 Lafeen koo hundi akkana siin jedha: “Yaa Waaqayyo, kan akka keetii eenyu? Ati dadhabdoota warra isaan caalaa jabaatan jalaa baafta; hiyyeeyyii fi rakkattoota illee saamtota jalaa baafta.”
כל עצמותי תאמרנה-- יהוה מי כמוך מציל עני מחזק ממנו ועני ואביון מגזלו
11 Dhuga baatonni sobaa natti kaʼan; waan ani waaʼee isaa hin beeknes na gaafatu.
יקומון עדי חמס אשר לא-ידעתי ישאלוני
12 Isaan qooda waan gaarii waan hamaa naa deebisu; lubbuu koos kophaatti hambisu.
ישלמוני רעה תחת טובה שכול לנפשי
13 Ani garuu yeroo isaan dhibamanitti, wayyaa gaddaa nan uffadhe; lubbuu koos soomaan nan miidhe. Yeroo kadhannaan koo deebii malee hafettis
ואני בחלותם לבושי שק-- עניתי בצום נפשי ותפלתי על-חיקי תשוב
14 ani akkuma waan michuu kootiif yookaan obboleessa kootiif gadduutti, gaddaan asii fi achi deddeebiʼe. Akkuma waan haadha kootiif booʼuuttis, gaddaan mataa koo nan buuse.
כרע-כאח לי התהלכתי כאבל-אם קדר שחותי
15 Isaan garuu yeroo ani gufadhetti gammadanii walitti qabaman; utuu ani hin beekin na marsan; utuu wal irraa hin kutinis na cicciratan.
ובצלעי שמחו ונאספו נאספו עלי נכים ולא ידעתי קרעו ולא-דמו
16 Isaan akkuma warra Waaqatti hin bulleetti hamminaan natti qoosan; ilkaan isaanii illee natti qaratan.
בחנפי לעגי מעוג-- חרק עלי שנימו
17 Yaa Gooftaa, ati hamma yoomiitti calʼistee ilaalta? Lubbuu koo badiisa isaan fidan jalaa, jireenya koos leenca jalaa baasi.
אדני כמה תראה השיבה נפשי משאיהם מכפירים יחידתי
18 Ani wal gaʼii guddaa keessatti sin galateeffadha; tuuta guddaa keessatti sin jajadha.
אודך בקהל רב בעם עצום אהללך
19 Warri akkasumaan diina natti taʼan natti hin gammadin; warri sababii malee na jibban sunis ija natti hin qisin.
אל-ישמחו-לי איבי שקר שנאי חנם יקרצו-עין
20 Isaan nagaa hin dubbatan; warra qabbanaan biyya keessa jiraatanittis, mala sobaa malatu.
כי לא שלום ידברו ועל רגעי-ארץ--דברי מרמות יחשבון
21 Isaanis, “Baga! Baga! Ijuma keenyaan isa argine” jedhanii afaan natti banatu.
וירחיבו עלי פיהם אמרו האח האח ראתה עיננו
22 Yaa Waaqayyo, ati waan kana argiteerta; hin calʼisin. Yaa gooftaa, narraa hin fagaatin.
ראיתה יהוה אל-תחרש אדני אל-תרחק ממני
23 Yaa Waaqa koo fi Gooftaa ko, ati mirga kootiif, dhimma kootiifis dammaqi; kaʼi!
העירה והקיצה למשפטי אלהי ואדני לריבי
24 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, akkuma qajeelummaa keetiitti naa murteessi; akka isaan natti gammadanis hin godhin.
שפטני כצדקך יהוה אלהי ואל-ישמחו-לי
25 Akka isaan, “Baga! Akkuma nu barbaanne taʼeera!” jedhan, yookaan akka isaan, “Nu isa liqimsineerra” jedhan hin godhin.
אל-יאמרו בלבם האח נפשנו אל-יאמרו בלענוהו
26 Warri dhiphina kootti gammadan hundinuu haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis; warri natti kooran hundinuus, qaanii fi salphina haa uffatan.
יבשו ויחפרו יחדו-- שמחי רעתי ילבשו-בשת וכלמה-- המגדילים עלי
27 Warri qajeelumma koo jaallatan, sagalee guddaadhaan haa ililchan; haa gammadanis. Isaan yeroo hunda, “Waaqayyo inni nagaa garbicha isaatti gammadu guddaa dha” haa jedhan.
ירנו וישמחו חפצי צדקי ויאמרו תמיד יגדל יהוה החפץ שלום עבדו
28 Arrabni koo qajeelummaa kee, guyyaa guutuus galata kee odeessa.
ולשוני תהגה צדקך כל-היום תהלתך

< Faarfannaa 35 >