< Faarfannaa 34 >

1 Faarfannaa Daawit. Innis fuula Abiimelek duratti maraatuu of fakkeesseef Abiimelek isa ariinaan yeroo achii deemetti faarfate. Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa; galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.
Zaburi ya Daudi, alipojifanya mwendawazimu mbele ya Abimeleki, ambaye alimfukuza, naye akaondoka. Nitamtukuza Bwana nyakati zote, sifa zake zitakuwa midomoni mwangu siku zote.
2 Lubbuun koo Waaqayyoon boonti; cunqurfamtoonni dhagaʼanii haa gammadan.
Nafsi yangu itajisifu katika Bwana, walioonewa watasikia na wafurahi.
3 Na wajjin Waaqayyoof ulfina kennaa; kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa.
Mtukuzeni Bwana pamoja nami, naam, na tulitukuze jina lake pamoja.
4 Waaqayyoon nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne; sodaa koo hunda keessaas na baase.
Nilimtafuta Bwana naye akanijibu, akaniokoa kwenye hofu zangu zote.
5 Warri gara isaa ilaalan ni ifu; fuulli isaaniis yoom iyyuu hin qaanaʼu.
Wale wamtazamao hutiwa nuru, nyuso zao hazifunikwi na aibu kamwe.
6 Hiyyeessi kun ni iyye; Waaqayyos isa dhagaʼe; rakkina isaa hundumaa keessaas isa baase.
Maskini huyu alimwita Bwana, naye akamsikia, akamwokoa katika taabu zake zote.
7 Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqa sodaatanii ni qubata; isaan ni oolchas.
Malaika wa Bwana hufanya kituo akiwazunguka wale wamchao, naye huwaokoa.
8 Akka Waaqayyo gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa; namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.
Onjeni mwone kwamba Bwana ni mwema, heri mtu yule anayemkimbilia.
9 Isin qulqulloonni isaa Waaqayyoon sodaadhaa; warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii.
Mcheni Bwana enyi watakatifu wake, kwa maana wale wamchao hawapungukiwi na chochote.
10 Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas; namni Waaqayyoon barbaaddatu garuu waan gaarii tokko illee hin dhabu.
Wana simba wenye nguvu hutindikiwa na kuona njaa, bali wale wamtafutao Bwana hawatakosa kitu chochote kilicho chema.
11 Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa; anis Waaqayyoon sodaachuu isinan barsiisa.
Njooni, watoto wangu, mnisikilize, nitawafundisha kumcha Bwana.
12 Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis bara baayʼee hawwu eenyu?
Yeyote kati yenu anayependa uzima na kutamani kuziona siku nyingi njema,
13 Arraba kee waan hamaa irraa, afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.
basi auzuie ulimi wake na mabaya, na midomo yake kutokana na kusema uongo.
14 Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu; nagaa barbaadi; duukaa buʼis.
Aache uovu, atende mema, aitafute amani na kuifuatilia.
15 Iji Waaqayyoo qajeeltota irra jira; gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha;
Macho ya Bwana huwaelekea wenye haki, na masikio yake yako makini kusikiliza kilio chao.
16 yaadannoo isaanii lafa irraa balleessuudhaaf, fuulli Waaqayyoo warra hamaa hojjetanitti ni hammaata.
Uso wa Bwana uko kinyume na watendao maovu, ili kufuta kumbukumbu lao duniani.
17 Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa. Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.
Wenye haki hulia, naye Bwana huwasikia, huwaokoa katika taabu zao zote.
18 Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; warra abdii kutatanis ni fayyisa.
Bwana yu karibu na waliovunjika moyo, na huwaokoa waliopondeka roho.
19 Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha; Waaqayyo garuu hunda isaa jalaa isa baasa;
Mwenye haki ana mateso mengi, lakini Bwana humwokoa nayo yote,
20 lafee isaa hunda ni eega; isaan keessaas tokko illee hin cabu.
huhifadhi mifupa yake yote, hata mmoja hautavunjika.
21 Hamoota hamminatu ajjeesa; warra nama qajeelaa jibbanitti ni murteeffama.
Ubaya utamuua mtu mwovu, nao adui za mwenye haki watahukumiwa.
22 Waaqayyo lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura; warra isatti kooluu galan keessaa tokkotti illee hin murteeffamu.
Bwana huwakomboa watumishi wake, yeyote anayemkimbilia yeye hatahukumiwa kamwe.

< Faarfannaa 34 >