< Faarfannaa 34 >

1 Faarfannaa Daawit. Innis fuula Abiimelek duratti maraatuu of fakkeesseef Abiimelek isa ariinaan yeroo achii deemetti faarfate. Ani yeroo hunda Waaqayyoon nan eebbisa; galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.
BY DAVID, IN HIS CHANGING HIS BEHAVIOR BEFORE ABIMELECH, AND HE DRIVES HIM AWAY, AND HE GOES. [ALEPH-BET] I bless YHWH at all times, His praise [is] continually in my mouth.
2 Lubbuun koo Waaqayyoon boonti; cunqurfamtoonni dhagaʼanii haa gammadan.
In YHWH my soul boasts herself, The humble hear and rejoice.
3 Na wajjin Waaqayyoof ulfina kennaa; kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa.
Ascribe greatness to YHWH with me, And we exalt His Name together.
4 Waaqayyoon nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne; sodaa koo hunda keessaas na baase.
I sought YHWH, and He answered me, And delivered me from all my fears.
5 Warri gara isaa ilaalan ni ifu; fuulli isaaniis yoom iyyuu hin qaanaʼu.
They looked expectingly to Him, And they became bright, And their faces are not ashamed.
6 Hiyyeessi kun ni iyye; Waaqayyos isa dhagaʼe; rakkina isaa hundumaa keessaas isa baase.
This poor [one] called, and YHWH heard, And saved him from all his distresses.
7 Ergamaan Waaqayyoo naannoo warra Waaqa sodaatanii ni qubata; isaan ni oolchas.
A messenger of YHWH is encamping, Around those who fear Him, And He arms them.
8 Akka Waaqayyo gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa; namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.
Taste and see that YHWH [is] good, O the blessedness of the man who trusts in Him.
9 Isin qulqulloonni isaa Waaqayyoon sodaadhaa; warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii.
Fear YHWH, you His holy ones, For there is no lack to those fearing Him.
10 Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas; namni Waaqayyoon barbaaddatu garuu waan gaarii tokko illee hin dhabu.
Young lions have lacked and been hungry, And those seeking YHWH do not lack any good,
11 Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa; anis Waaqayyoon sodaachuu isinan barsiisa.
Come, children, listen to me, I teach you the fear of YHWH.
12 Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis bara baayʼee hawwu eenyu?
Who [is] the man that is desiring life? Loving days to see good?
13 Arraba kee waan hamaa irraa, afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.
Keep your tongue from evil, And your lips from speaking deceit.
14 Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu; nagaa barbaadi; duukaa buʼis.
Turn aside from evil and do good, Seek peace and pursue it.
15 Iji Waaqayyoo qajeeltota irra jira; gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha;
The eyes of YHWH [are] to the righteous, And His ears to their cry.
16 yaadannoo isaanii lafa irraa balleessuudhaaf, fuulli Waaqayyoo warra hamaa hojjetanitti ni hammaata.
(The face of YHWH [is] on doers of evil, To cut off their memorial from earth.)
17 Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Waaqayyos isaan dhagaʼa. Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.
They cried, and YHWH heard, And delivered them from all their distresses.
18 Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha; warra abdii kutatanis ni fayyisa.
YHWH [is] near to the broken of heart, And He saves the bruised of spirit.
19 Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha; Waaqayyo garuu hunda isaa jalaa isa baasa;
Many [are] the afflictions of the righteous, YHWH delivers him out of them all.
20 lafee isaa hunda ni eega; isaan keessaas tokko illee hin cabu.
He is keeping all his bones, Not one of them has been broken.
21 Hamoota hamminatu ajjeesa; warra nama qajeelaa jibbanitti ni murteeffama.
Evil puts the wicked to death, And those hating the righteous are desolate.
22 Waaqayyo lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura; warra isatti kooluu galan keessaa tokkotti illee hin murteeffamu.
YHWH redeems the soul of His servants, And none trusting in Him are desolate!

< Faarfannaa 34 >