< Faarfannaa 33 >

1 Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa; isa jajuun tolootaaf ni mala.
正しき者よ、主によって喜べ、さんびは直き者にふさわしい。
2 Kiraaraan Waaqayyoon galateeffadhaa; baganaa ribuu kudhan qabuun isaaf faarfadhaa.
琴をもって主をさんびせよ、十弦の立琴をもって主をほめたたえよ。
3 Faarfannaa haaraa isaaf faarfadhaa; ribuu haalaan rukutaa; sirriitti rukutaa; gammachuudhaanis ililchaa.
新しい歌を主にむかって歌い、喜びの声をあげて巧みに琴をかきならせ。
4 Dubbiin Waaqayyoo qajeelaadhaatii; inni waan hojjetu hundumaatti amanamaa dha.
主のみことばは直く、そのすべてのみわざは真実だからである。
5 Waaqayyo qajeelummaa fi murtii qajeelaa jaallata; laftis jaalala isaa kan hin geeddaramneen guutamteerti.
主は正義と公平とを愛される。地は主のいつくしみで満ちている。
6 Samiiwwan dubbii Waaqayyootiin hojjetaman; tuunni urjiiwwanii hundinuus hafuura afaan isaatii baʼuun uumaman.
もろもろの天は主のみことばによって造られ、天の万軍は主の口の息によって造られた。
7 Inni bishaan galaanaa akka tuullaatti walitti qaba; bishaan tuujubaas kuusaa keessa kaaʼa.
主は海の水を水がめの中に集めるように集め、深い淵を倉におさめられた。
8 Lafti hundi Waaqayyoon haa sodaatu; sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu.
全地は主を恐れ、世に住むすべての者は主を恐れかしこめ。
9 Inni dubbateeraatii, wanni inni dubbate ni taʼe; inni ni ajaje; wanni inni ajajes ni raawwate.
主が仰せられると、そのようになり、命じられると、堅く立ったからである。
10 Waaqayyo marii sabootaa ni fashaleessa; akka karoorri namootaa hojii irra hin oolles ni godha.
主はもろもろの国のはかりごとをむなしくし、もろもろの民の企てをくじかれる。
11 Karoorri Waaqayyoo garuu bara baraan, yaadni garaa isaas dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.
主のはかりごとはとこしえに立ち、そのみこころの思いは世々に立つ。
12 Sabni Waaqayyo Waaqa isaaf taʼe, namoonni inni akka dhaala ofii isaatti filate eebbifamoo dha.
主をおのが神とする国はさいわいである。主がその嗣業として選ばれた民はさいわいである。
13 Waaqayyo samii irraa gad ni ilaala; ilmaan namootaa hundas ni arga;
主は天から見おろされ、すべての人の子らを見、
14 inni teessoo isaa irra taaʼee, warra lafa irra jiraatan hunda gad ilaala;
そのおられる所から地に住むすべての人をながめられる。
15 inni garaa nama hundumaa uumu sun, hojii isaanii hunda ni hubata.
主はすべて彼らの心を造り、そのすべてのわざに心をとめられる。
16 Mootiin baayʼina loltoota isaatiin duʼa hin oolu; jagnis guddina humna isaatiin duʼa jalaa hin baʼu.
王はその軍勢の多きによって救を得ない。勇士はその力の大いなるによって助けを得ない。
17 Fardi moʼannaadhaaf abdii gatii hin qabnee dha; guddinni humna isaas nama hin oolchu.
馬は勝利に頼みとならない。その大いなる力も人を助けることはできない。
18 Garuu iji Waaqayyoo warra isa sodaatan irra, warra araara isaa abdatan irras jira;
見よ、主の目は主を恐れる者の上にあり、そのいつくしみを望む者の上にある。
19 inni lubbuu isaanii duʼa jalaa ni baasa; bara beelaas isaan ni jiraachisa.
これは主が彼らの魂を死から救い、ききんの時にも生きながらえさせるためである。
20 Lubbuun keenya abdiidhaan Waaqayyoon eeggatti; innis gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya.
われらの魂は主を待ち望む。主はわれらの助け、われらの盾である。
21 Garaan keenya isatti ni gammadaatii; nu maqaa isaa qulqulluu ni amanannaatii.
われらは主の聖なるみ名に信頼するがゆえに、われらの心は主にあって喜ぶ。
22 Yaa Waaqayyo, akkuma nu abdii keenya sirra kaaʼannutti, araarri kee nurra haa buʼu.
主よ、われらが待ち望むように、あなたのいつくしみをわれらの上にたれてください。

< Faarfannaa 33 >