< Faarfannaa 33 >
1 Yaa qajeeltota, isin Waaqayyotti gammadaa; isa jajuun tolootaaf ni mala.
Ku rera da farin ciki ga Ubangiji ku adalai; daidai ne masu gaskiya su yabe shi.
2 Kiraaraan Waaqayyoon galateeffadhaa; baganaa ribuu kudhan qabuun isaaf faarfadhaa.
Ku yabi Ubangiji da garaya; ku yi kiɗi gare shi da molo mai tsirkiya goma.
3 Faarfannaa haaraa isaaf faarfadhaa; ribuu haalaan rukutaa; sirriitti rukutaa; gammachuudhaanis ililchaa.
Ku rera masa sabuwar waƙa; ku yi kiɗi da gwaninta, ku kuma yi sowa don farin ciki.
4 Dubbiin Waaqayyoo qajeelaadhaatii; inni waan hojjetu hundumaatti amanamaa dha.
Gama maganar Ubangiji daidai ne da kuma gaskiya; yana da aminci cikin kome da yake yi.
5 Waaqayyo qajeelummaa fi murtii qajeelaa jaallata; laftis jaalala isaa kan hin geeddaramneen guutamteerti.
Ubangiji yana ƙaunar adalci duniya ta cika da ƙaunarsa marar ƙarewa.
6 Samiiwwan dubbii Waaqayyootiin hojjetaman; tuunni urjiiwwanii hundinuus hafuura afaan isaatii baʼuun uumaman.
Ta wurin maganar Ubangiji aka yi sammai, rundunar taurarinsu kuwa da numfashin bakinsa.
7 Inni bishaan galaanaa akka tuullaatti walitti qaba; bishaan tuujubaas kuusaa keessa kaaʼa.
Ya tattara ruwan teku cikin tuluna; ya sa zurfafa cikin gidajen ajiya.
8 Lafti hundi Waaqayyoon haa sodaatu; sabni addunyaa irra jiraatu hundinuus, guddisee isa haa sodaatu.
Bari dukan duniya ta ji tsoron Ubangiji; bari dukan mutanen duniya su girmama shi.
9 Inni dubbateeraatii, wanni inni dubbate ni taʼe; inni ni ajaje; wanni inni ajajes ni raawwate.
Gama ya yi magana, abu ya kuwa kasance; ya umarta, ya kuwa tsaya daram.
10 Waaqayyo marii sabootaa ni fashaleessa; akka karoorri namootaa hojii irra hin oolles ni godha.
Ubangiji yakan soke shirye-shiryen al’ummai; yakan wofintar da manufofin mutane.
11 Karoorri Waaqayyoo garuu bara baraan, yaadni garaa isaas dhaloota hundumaa keessatti cimee ni dhaabata.
Amma shirye-shiryen Ubangiji kan tsaya daram har abada, manufofin zuciyarsa kuwa har dukan zamanai.
12 Sabni Waaqayyo Waaqa isaaf taʼe, namoonni inni akka dhaala ofii isaatti filate eebbifamoo dha.
Mai farin ciki ce al’ummar da Allah ne Ubangijinta, mutanen da ya zaɓa don gādonsa.
13 Waaqayyo samii irraa gad ni ilaala; ilmaan namootaa hundas ni arga;
Daga sama Ubangiji ya duba ya kuwa ga dukan’yan adam;
14 inni teessoo isaa irra taaʼee, warra lafa irra jiraatan hunda gad ilaala;
daga mazauninsa yana lura da dukan waɗanda suke zama a duniya,
15 inni garaa nama hundumaa uumu sun, hojii isaanii hunda ni hubata.
shi da ya yi zukatan duka, wanda yake kula da kome da suke yi.
16 Mootiin baayʼina loltoota isaatiin duʼa hin oolu; jagnis guddina humna isaatiin duʼa jalaa hin baʼu.
Babu sarkin da ake ceto ta wurin yawan mayaƙansa; ba jarumin da kan kuɓuta ta wurin yawan ƙarfinsa.
17 Fardi moʼannaadhaaf abdii gatii hin qabnee dha; guddinni humna isaas nama hin oolchu.
Dogara a kan doki don ceto banza ne; duk da yawan ƙarfinsa ba ya ceto.
18 Garuu iji Waaqayyoo warra isa sodaatan irra, warra araara isaa abdatan irras jira;
Amma idanun Ubangiji suna a kan wanda yake tsoronsa, a kan waɗanda suke sa zuciya cikin ƙaunarsa marar ƙarewa,
19 inni lubbuu isaanii duʼa jalaa ni baasa; bara beelaas isaan ni jiraachisa.
don yă cece su daga mutuwa ya bar su da rai a lokacin yunwa.
20 Lubbuun keenya abdiidhaan Waaqayyoon eeggatti; innis gargaarsa keenyaa fi gaachana keenya.
Muna jiran Ubangiji da bege; shi ne taimakonmu da garkuwarmu.
21 Garaan keenya isatti ni gammadaatii; nu maqaa isaa qulqulluu ni amanannaatii.
A cikinsa zukatanmu na farin ciki, gama mun dogara cikin sunansa mai tsarki.
22 Yaa Waaqayyo, akkuma nu abdii keenya sirra kaaʼannutti, araarri kee nurra haa buʼu.
Bari ƙaunarka marar ƙarewa ta zauna a kanmu, ya Ubangiji, ko ma da muke sa begenmu a gare ka.