< Faarfannaa 30 >
1 Faarfannaa eebba mana qulqullummaatiif Faarfatame. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, sababii ati ol na fuutee akka diinonni koo natti hin gammanne gooteef, ani sin jajadha.
【病後感恩歌】 聖殿祝聖的詩歌,達味作。 上主,我稱揚你,因為你救拔了我,你也沒有使我的仇敵向我自誇。
2 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani gargaarsaaf sin waammadhe; atis na fayyifte.
上主,我一向你呼號,我主,你便醫治了我。
3 Yaa Waaqayyo, ati lubbuu koo siiʼoolii baafte; akka ani boolla hin buune gootees na jiraachifte. (Sheol )
上主,你由陰府中把我救出,又使我安全復生,免降幽谷。 (Sheol )
4 Isin qulqulloonni isaa, faarfannaadhaan Waaqayyoon jajadhaa; maqaa isaa qulqulluu sanaafis galata galchaa.
上主的聖民,請向上主歌頌,稱謝上主的聖名。
5 Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti; gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura; booʼichi galgala tokko qofaaf tura; ganama garuu ililleetu taʼa.
因為上主的忿怒,瞬息消散;上主的恩愛卻要終生綿延。晚間雖令人哭涕,清晨卻使人歡喜。
6 Anis yommuun nagaa argadhetti, “Ani gonkumaa hin raafamu” nan jedhe.
我曾自誇說過,我永不會動搖。
7 Yaa Waaqayyo, ati jaalala keetiin akka tulluu jabaatti na dhaabde; yeroo ati fuula kee na duraa dhoksitetti garuu naasuutu na qabate.
上主,你恩待我,使我立足於穩固山岡;但是你一掩面,我便立刻感到失措驚惶。
8 Yaa Waaqayyo, ani sin waammadha; ani gara Gooftaatti akkana jedhee araaraaf nan iyyadha:
上主,我曾向你呼號,我曾向我主哀求說:
9 “Duʼuu koo keessaa, boolla buʼuu koo keessaas faayidaa maaliitu argama? Biyyoon si galateeffataa? Amanamummaa kees ni odeessaa?
我如果降入陰府,我的血於你何益?灰土豈能讚美你,或宣揚你的忠義?
10 Yaa Waaqayyo na dhagaʼi; na maaris; Yaa Waaqayyo, gargaarsa naa taʼi.”
上主,請俯聽我,憐憫我;上主,求你前來助佑我。
11 Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte; wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;
你把我的哀痛,給我變成了舞蹈,脫去了我的苦衣給我披上喜樂;
12 kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi akka isheen hin calʼisneefii dha. Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani bara baraan sin galateeffadha.
為此,我的心靈歌頌你,永不止息;上主,我的天主,我要永遠稱謝你!