< Faarfannaa 3 >

1 Faarfannaa Daawit yeroo ilma isaa Abesaaloom jalaa baqatetti faarfate. Yaa Waaqayyo, diinonni koo akkam baayʼatu! Namoonni baayʼeen natti kaʼaniiru!
Zaburi ya Daudi. Alipomkimbia mwanawe Absalomu. Ee Bwana, tazama adui zangu walivyo wengi! Ni wengi kiasi gani wanaoinuka dhidi yangu!
2 Namoonni baayʼeen, “Waaqni isa hin baraaru” jedhanii waaʼee koo dubbatu.
Wengi wanasema juu yangu, “Mungu hatamwokoa.”
3 Yaa Waaqayyo, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti; ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma.
Lakini wewe, Ee Bwana, ni ngao pande zote; umeniwekea utukufu na kuinua kichwa changu.
4 Ani guddisee Waaqayyotti nan iyyadha; innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna.
Ninamlilia Bwana kwa sauti kuu, naye ananijibu kutoka mlima wake mtakatifu.
5 Ani nan ciisa; nan rafas; waan Waaqayyo ol na qabuuf nan dammaqa.
Ninajilaza na kupata usingizi; naamka tena, kwa maana Bwana hunitegemeza.
6 Saba kumaatama qixa hundaan kaʼee na marse ani hin sodaadhu.
Sitaogopa makumi elfu ya adui, wanaojipanga dhidi yangu kila upande.
7 Yaa Waaqayyo kaʼi! Yaa Waaqa koo na baraari! Mangaagaa diinota kootii hundumaa rukuti; ilkaan hamootaa illee caccabsi.
Ee Bwana, amka! Niokoe, Ee Mungu wangu! Wapige adui zangu wote kwenye taya, vunja meno ya waovu.
8 Fayyinni kan Waaqayyoo ti. Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu.
Kwa maana wokovu watoka kwa Bwana. Baraka yako na iwe juu ya watu wako.

< Faarfannaa 3 >