< Faarfannaa 29 >

1 Faarfannaa Daawit. Isin jajjabeeyyiin, Waaqayyoof fidaa; ulfinaa fi jabina Waaqayyoof fidaa.
מזמור לדוד הבו ליהוה בני אלים הבו ליהוה כבוד ועז
2 Ulfina maqaa isaatiif malu Waaqayyoof kennaa; iddoo qulqullummaa isaatti Waaqayyoon waaqeffadhaa.
הבו ליהוה כבוד שמו השתחוו ליהוה בהדרת-קדש
3 Sagaleen Waaqayyoo bishaanota irra jira; Waaqni ulfinaa ni qaqawweessaʼa; Waaqayyo bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa.
קול יהוה על-המים אל-הכבוד הרעים יהוה על-מים רבים
4 Sagaleen Waaqayyoo humna qaba; sagaleen Waaqayyoo surra qabeessa.
קול-יהוה בכח קול יהוה בהדר
5 Sagaleen Waaqayyoo birbirsa ni cabsa; Waaqayyo birbirsa Libaanoon ni caccabsa.
קול יהוה שבר ארזים וישבר יהוה את-ארזי הלבנון
6 Inni Libaanoonin akka jabbiitti, Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa.
וירקידם כמו-עגל לבנון ושרין כמו בן-ראמים
7 Sagaleen Waaqayyoo balaqqeessa bakakkaatiin rukuta.
קול-יהוה חצב להבות אש
8 Sagaleen Waaqayyoo gammoojjii sochoosa; Waaqayyo Gammoojjii Qaadesh sochoosa.
קול יהוה יחיל מדבר יחיל יהוה מדבר קדש
9 Sagaleen Waaqayyoo qilxuu micciira; bosonas qullaatti hambisa. Hundinuus mana qulqullummaa isaa keessatti, “Ulfina!” jedhee iyya.
קול יהוה יחולל אילות-- ויחשף יערות ובהיכלו-- כלו אמר כבוד
10 Waaqayyo lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa; Waaqayyo Mootii taʼee bara baraan teessoo isaa irra taaʼa.
יהוה למבול ישב וישב יהוה מלך לעולם
11 Waaqayyo saba isaatiif jabina kenna; Waaqayyo saba isaa nagaadhaan eebbisa.
יהוה--עז לעמו יתן יהוה יברך את-עמו בשלום

< Faarfannaa 29 >