< Faarfannaa 28 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, Kattaa ko, ani sin waammadha; ati na jalaa hin didin. Yoo ati na jalaa didde, ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.
Zu Dir rufe ich, Jehovah; mein Fels, schweige nicht stille gegen mich; auf daß nicht, wenn Du schweigst gegen mich, ich denen gleiche, die in die Grube hinabfahren.
2 Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhee harka koo illee gara Iddoo Qulqullummaa kee kan Waan Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe sanaatti ol kaafadhu, sagalee kadhannaa koo naa dhagaʼi.
Höre auf die Stimme meines Flehens, wenn ich zu Dir schreie, wenn ich aufhebe meine Hände zum Sprechort Deines Heiligtums.
3 Namoota hamoo warra jalʼina hojjetan wajjin, warra garaa isaaniitti hammina qabatanii olloota isaanii wajjin garuu nagaa dubbatan wajjin na hin balleessin.
Ziehe mich nicht hin mit den Ungerechten und denen, so Unrecht tun, die Frieden reden mit ihren Genossen, und Böses ist in ihrem Herzen.
4 Akka hojii isaaniitti, akkuma hojii isaanii hamaa sanaattis deebisiif; akkuma hojii harka isaaniitti kenniif; gatii isaaniif malu isaanumatti deebisi.
Gib ihnen nach ihrem Tun und nach dem Bösen ihres Handelns, gib ihnen nach ihrer Hände Werk, gib ihnen ihre Vergeltung zurück.
5 Sababii isaan hojii Waaqayyoo, yookaan waan harki isaa hojjete hin kabajneef inni isaan diiga; deebisees isaan hin ijaaru.
Weil sie nicht verstehen Jehovahs Tun und das Werk Seiner Hände, reiße Er sie nieder und baue sie nicht auf.
6 Waaqayyo haa eebbifamu! Inni iyya kadhannaa kootii naa dhagaʼeeraatii.
Gesegnet sei Jehovah, daß Er auf die Stimme meines Flehens hörte.
7 Waaqayyo jabina koo fi gaachana koo ti; garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera. Garaan koo baayʼee gammada; anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha.
Jehovah ist meine Stärke und mein Schild. Auf Ihn vertraut mein Herz, und mir wird geholfen und mein Herz jauchzt, und ich will Ihn mit meinem Lied bekennen.
8 Waaqayyo jabina saba isaa ti; dibamaa isaatiifis daʼoo fayyinaa ti.
Jehovah ist ihre Stärke, und die Feste des Heils Seines Gesalbten ist Er.
9 Saba kee fayyisi; dhaala kees eebbisi; tiksee isaanii taʼii bara baraan isaan baadhu.
Hilf Deinem Volke, und segne Dein Erbe, und weide sie und trage sie in Ewigkeit.

< Faarfannaa 28 >