< Faarfannaa 27 >

1 Faarfannaa Daawit. Waaqayyo ibsaa kootii fi fayyina koo ti; ani eenyunan sodaadha? Waaqayyo daʼoo jireenya kootii ti; eenyutu na sodaachisa?
לדוד יהוה אורי וישעי--ממי אירא יהוה מעוז-חיי ממי אפחד
2 Namoonni hamoon yommuu foon koo nyaachuudhaaf natti dhufan, diinonni koo fi amajaajonni koo yommuu na miidhuuf natti kaʼan, gufatanii kufu.
בקרב עלי מרעים-- לאכל את-בשרי צרי ואיבי לי המה כשלו ונפלו
3 Yoo duulli na marse illee, garaan koo hin sodaatu; yoo waraanni natti baname illee ani hin raafamu.
אם-תחנה עלי מחנה-- לא-יירא לבי אם-תקום עלי מלחמה-- בזאת אני בוטח
4 Ani waan tokko Waaqayyoon nan kadhadha; waan kanas nan barbaada: Kunis bara jireenya kootii guutuu mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, miidhagina Waaqayyoo ilaaluu fi mana qulqullummaa isaa keessatti isa kadhachuu dha.
אחת שאלתי מאת-יהוה-- אותה אבקש שבתי בבית-יהוה כל-ימי חיי לחזות בנעם-יהוה ולבקר בהיכלו
5 Inni guyyaa rakkinaa iddoo ofii jiraatu na kaaʼataatii; daʼoo dunkaana isaa jala na dhoksa; kattaa gubbaattis ol na baasa.
כי יצפנני בסכה-- ביום רעה יסתרני בסתר אהלו בצור ירוממני
6 Yommus diinota na marsanii olitti mataan koo ol jedha; dunkaana isaa keessatti illee ililleedhaan aarsaa nan dhiʼeessa; Waaqayyoof nan faarfadha; nan weeddisas.
ועתה ירום ראשי על איבי סביבותי ואזבחה באהלו זבחי תרועה אשירה ואזמרה ליהוה
7 Yaa Waaqayyo, yommuu ani si waammadhu, sagalee koo dhagaʼi; naaf araarami; deebiis naaf kenni.
שמע-יהוה קולי אקרא וחנני וענני
8 Yommuu ati, “Fuula koo barbaadaa!” jettetti, garaan koo, “Yaa Waaqayyo, ani fuula kee nan barbaada” siin jedha.
לך אמר לבי--בקשו פני את-פניך יהוה אבקש
9 Fuula kee na duraa hin dhoksin; aartee tajaajilaa kee of irraa hin deebisin; ati gargaaraa koo taateerta. Yaa Waaqayyo, Fayyisaa ko, na hin gatin; na hin dhiisinis.
אל-תסתר פניך ממני-- אל תט-באף עבדך עזרתי היית אל-תטשני ואל-תעזבני אלהי ישעי
10 Yoo abbaan kootii fi haati koo na dhiisan illee, Waaqayyo na simata.
כי-אבי ואמי עזבוני ויהוה יאספני
11 Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi; sababii ani diinota baayʼee qabuuf daandii qajeelaa irra na buusi.
הורני יהוה דרכך ונחני בארח מישור--למען שוררי
12 Fedhii diinota kootiitti dabarsitee na hin kennin; dhuga baatonni sobduun narratti kaʼaniiruutii; isaanis hafuura jalʼinaa baafatu.
אל-תתנני בנפש צרי כי קמו-בי עדי-שקר ויפח חמס
13 Anis biyya jiraattotaa keessatti gaarummaa Waaqayyoo akkan argu amma iyyuu nan amana.
לולא--האמנתי לראות בטוב-יהוה בארץ חיים
14 Waaqayyoon eeggadhu; cimi; jabaadhus; Waaqayyoon eeggadhu.
קוה אל-יהוה חזק ויאמץ לבך וקוה אל-יהוה

< Faarfannaa 27 >