< Faarfannaa 26 >

1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, sababii ani jireenya hirʼina hin qabne jiraadheef, ati naa murteessi; anis utuu asii fi achi hin raafamin, Waaqayyoon amanadheera.
Ta Dawuda. Ka nuna rashin laifina, ya Ubangiji, gama na yi rayuwa marar zargi; Na dogara ga Ubangiji ba tare da kaucewa ba.
2 Yaa Waaqayyo, qoriitii na ilaali; garaa koo fi qalbii koo qori;
Ka jarraba ni, ya Ubangiji, ka kuma gwada ni, ka bincike zuciyata da tunanina;
3 jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii; anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa.
gama ƙaunarka kullum tana a gabana, kuma ina cin gaba da tafiya a cikin gaskiyarka.
4 Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu, yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu;
Ba na zama tare da masu ruɗu, ko in yi tarayya da masu riya;
5 ani waldaa warra hammina hojjetanii nan jibba; hamoota wajjinis hin taaʼu.
na ƙi jinin taron masu aikata mugunta na ƙi in zauna tare da mugaye.
6 Yaa Waaqayyo, ani harka koo qulqullummaadhaan nan dhiqadha; iddoo aarsaa keetii irras nan naannaʼa.
Na wanke hannuwana cikin rashin laifi, ina yawo a bagadenka Ya Ubangiji,
7 Faarfannaa galataa guddisee nan faarfadha; dinqii hojii keetii hunda nan odeessa.
ina shelar yabonka da ƙarfi ina faɗin dukan ayyukanka masu banmamaki.
8 Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu, iddoo ulfinni kee jirus nan jaalladha.
Ina ƙaunar gidan da kake zama, ya Ubangiji, wurin da ɗaukakarka ke zaune.
9 Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya koos warra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin;
Kada ka ɗauke raina tare da masu zunubi raina tare da masu son yin kisankai
10 warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jiru kanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin.
waɗanda akwai mugayen dabaru a hannuwansu, waɗanda hannuwansu na dama suna cike da cin hanci.
11 Ani garuu jireenya hirʼina hin qabne nan jiraadha; ati na furi; araaras naa buusi.
Amma na yi rayuwa marar zargi; ka cece ni ka kuma yi mini jinƙai.
12 Miilli koo lafa wal qixxee irra dhaabata; waldaa guddaa keessattis Waaqayyoon nan jajadha.
Ƙafafuna suna tsaye daram; cikin taro mai girma zan yabi Ubangiji.

< Faarfannaa 26 >