< Faarfannaa 26 >
1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, sababii ani jireenya hirʼina hin qabne jiraadheef, ati naa murteessi; anis utuu asii fi achi hin raafamin, Waaqayyoon amanadheera.
上主求你替我主持正義,因我行動無辜,我曾毫不猶豫地全心依賴了上主。
2 Yaa Waaqayyo, qoriitii na ilaali; garaa koo fi qalbii koo qori;
上主,你儘管對我試驗,對我查考,你儘管對我的五內和心臟探討;
3 jaalalli kee kan hin geeddaramne sun ija koo dura jiraatii; anis dhugaa keetiin nan deddeebiʼa.
原來你的受常擺在我眼前,我常遵照你的真理行走盤桓。
4 Ani warra nama gowwoomsan wajjin hin taaʼu, yookaan fakkeessitoota wajjin tokkummaa hin qabaadhu;
我決不與虛偽的人同坐,也決不與欺詐的人合作;
5 ani waldaa warra hammina hojjetanii nan jibba; hamoota wajjinis hin taaʼu.
我常痛恨敗類的集會,我也決不與惡人同席。
6 Yaa Waaqayyo, ani harka koo qulqullummaadhaan nan dhiqadha; iddoo aarsaa keetii irras nan naannaʼa.
上主我要洗手表明無罪,我要走在你的祭壇周圍,
7 Faarfannaa galataa guddisee nan faarfadha; dinqii hojii keetii hunda nan odeessa.
為能高聲向你稱揚讚頌,傳述你的一切奇妙化工。
8 Yaa Waaqayyo, mana ati keessa jiraattu, iddoo ulfinni kee jirus nan jaalladha.
上主,我喜愛你所住的殿堂,就是你那榮耀寄居的地方。
9 Lubbuu koo cubbamoota wajjin, jireenya koos warra dhiiga dhangalaasan wajjin hin balleessin;
求你不要把我的靈魂和罪人們一起收去;求你不要把我的生命與流血者一起剷除。
10 warra harka isaanii keessa karoorri jalʼinaa jiru kanneen harki isaanii mirgaa mattaʼaadhaan guutame wajjin na hin balleessin.
因為他們的手中盡是罪污,他們的右手滿是賄賂;
11 Ani garuu jireenya hirʼina hin qabne nan jiraadha; ati na furi; araaras naa buusi.
我卻一向行動無辜,求你救我,求你憐恤。
12 Miilli koo lafa wal qixxee irra dhaabata; waldaa guddaa keessattis Waaqayyoon nan jajadha.
我的腳站立於平坦大路,在集會中我要讚頌上主。