< Faarfannaa 25 >
1 Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, ani lubbuu koo gara keetti ol nan qaba.
Zaburi ya Daudi. Kwako wewe, Ee Bwana, nainua nafsi yangu,
2 Yaa Waaqa koo ani sin amanadha. Ati na hin qaanessin; akka diinonni koo na moʼatanis hin godhin.
ni wewe ninayekutumainia, Ee Mungu wangu. Usiniache niaibike, wala usiache adui zangu wakanishinda.
3 Namni si eeggatu tokko iyyuu yoom iyyuu hin qaaneffamu; warri sababii malee yakka hojjetan garuu ni qaaneffamu.
Kamwe hakuna hata mmoja anayekutegemea atakayeaibishwa, bali wataaibishwa wafanyao hila bila sababu.
4 Yaa Waaqayyo, karaa kee na argisiisi; daandii kees na barsiisi;
Nionyeshe njia zako, Ee Bwana, nifundishe mapito yako,
5 ati Waaqa Fayyisaa koo waan taateef, dhugaa keetiin na dura buʼi; na barsiisi; anis guyyaa guutuu sin eeggadha.
niongoze katika kweli yako na kunifundisha, kwa maana wewe ni Mungu Mwokozi wangu, nalo tumaini langu liko kwako wakati wote.
6 Yaa Waaqayyo, araara keetii fi jaalala kee yaadadhu; isaan durumaa jalqabanii jiruutii.
Kumbuka, Ee Bwana, rehema zako kuu na upendo, kwa maana zimekuwepo tangu zamani.
7 Cubbuu afaan kootii yookaan dogoggora koo hin yaadatin; yaa Waaqayyo, gaarummaa keetiif jedhiitii akkuma araara keetiitti na yaadadhu.
Usizikumbuke dhambi za ujana wangu wala njia zangu za uasi, sawasawa na upendo wako unikumbuke, kwa maana wewe ni mwema, Ee Bwana.
8 Waaqayyo gaarii dha; tolaadhas; kanaafuu inni daandii isaa cubbamootatti argisiisa.
Bwana ni mwema na mwenye adili, kwa hiyo huwafundisha wenye dhambi njia zake.
9 Warra gad of qaban waan qajeelaa taʼeen geggeessa; karaa isaas isaan barsiisa.
Huwaongoza wanyenyekevu katika haki, naye huwafundisha njia yake.
10 Karaan Waaqayyoo hundinuu warra kakuu isaatii fi seera isaa eeganiif araaraa fi dhugaa dha.
Njia zote za Bwana ni za upendo na uaminifu kwa wale wanaoshika shuhuda za agano lake.
11 Yaa Waaqayyo, cubbuun koo guddaa taʼu iyyuu maqaa keetiif jedhiitii dhiifama naa godhi.
Ee Bwana, kwa ajili ya jina lako, unisamehe uovu wangu, ijapokuwa ni mwingi.
12 Namni Waaqayyoon sodaatu eenyu? Waaqayyo karaa inni filachuu qabu isa argisiisa.
Ni nani basi, mtu yule anayemcha Bwana? Atamfundisha katika njia atakayoichagua kwa ajili yake.
13 Lubbuun isaa badhaadhummaadhaan jiraatti; sanyiin isaas lafa dhaala.
Mtu huyo atafanikiwa maishani mwake, nao wazao wake watairithi nchi.
14 Waaqayyo icciitii isaa warra isa sodaatan duraa hin dhoksu; kakuu isaa illee isaan beeksisa.
Siri ya Bwana iko kwa wale wamchao, yeye huwajulisha agano lake.
15 Iji koo yeroo hunda gara Waaqayyoo ilaala; inni miilla koo kiyyoo keessaa ni baasaatii.
Macho yangu humwelekea Bwana daima, kwa kuwa yeye peke yake ndiye ataitoa miguu yangu kutoka mtego.
16 Gara kootti garagali; garaas naa laafi; ani kophaa koon jiraatii; rakkataadhas.
Nigeukie na unihurumie, kwa maana mimi ni mpweke na mwenye kuteseka.
17 Yaaddoon garaa kootii baayʼateera; dhiphina koo keessaas na baasi.
Shida za moyo wangu zimeongezeka, niokoe katika dhiki yangu.
18 Dhiphina kootii fi rakkina koo ilaali; cubbuu koo hunda naa dhiisi.
Uangalie mateso na shida zangu na uniondolee dhambi zangu zote.
19 Akka diinonni koo baayʼatan, hammam akka cimsanii na jibban argi!
Tazama adui zangu walivyo wengi, pia uone jinsi wanavyonichukia vikali!
20 Lubbuu koo eegi; na oolchis; sababii ani kooluu sitti galeef, akka ani qaanaʼu na hin godhin.
Uyalinde maisha yangu na uniokoe, usiniache niaibike, kwa maana nimekukimbilia wewe.
21 Waan ani si eeggadhuuf, amanamummaa fi qajeelummaan ana haa eegan.
Uadilifu na uaminifu vinilinde, kwa sababu tumaini langu ni kwako.
22 Yaa Waaqayyo, rakkina isaa hundumaa keessaa Israaʼelin furi!
Ee Mungu, wakomboe Israeli, katika shida zao zote!