< Faarfannaa 24 >
1 Faarfannaa Daawit. Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu, addunyaa fi wanni ishee keessa jiraatu hundinuus kan Waaqayyoo ti;
Zaburi ya Daudi. Dunia ni mali ya Bwana, na vyote vilivyomo ndani yake, ulimwengu, na wote waishio ndani yake,
2 inni galaanota irratti ishee hundeesseeraatii; bishaan irras ishee dhaabeera.
maana aliiwekea misingi yake baharini na kuifanya imara juu ya maji.
3 Eenyutu tulluu Waaqayyootti ol baʼa? Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata?
Nani awezaye kuupanda mlima wa Bwana? Ni nani awezaye kusimama patakatifu pake?
4 Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu, nama lubbuu isaa gara waaqa tolfamaatti ol hin kaafne yookaan nama sobaan hin kakannee dha.
Ni yule mwenye mikono safi na moyo mweupe, yule ambaye hakuinulia sanamu nafsi yake au kuapa kwa kitu cha uongo.
5 Inni Waaqayyo biraa eebba, Waaqa Fayyisaa isaa biraa immoo qajeelummaa ni argata.
Huyo atapokea baraka kutoka kwa Bwana, na hukumu ya haki kutoka kwa Mungu Mwokozi wake.
6 Dhaloonni kun dhaloota warra isa barbaadanii ti; kan dhaloota warra fuula Waaqa Yaaqoob barbaadanii ti.
Hiki ndicho kizazi cha wale wamtafutao, wale wautafutao uso wako, Ee Mungu wa Yakobo.
7 Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; isinis balbalawwan durii, akka mootiin ulfinaa ol galuuf ol qabamaa.
Inueni vichwa vyenu, enyi malango, inukeni enyi milango ya kale, ili mfalme wa utukufu apate kuingia.
8 Mootiin ulfinaa kun eenyu? Waaqayyo jabaa fi humna qabeessa, Waaqayyo isa waraana keessattis humna qabu sanaa dha.
Ni nani huyu Mfalme wa utukufu? Ni Bwana aliye na nguvu na uweza, ni Bwana aliye hodari katika vita.
9 Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; isinis balbalawwan durii akka mootiin ulfinaa ol galuuf mataa keessan ol qabadhaa.
Inueni vichwa vyenu, enyi malango, viinueni juu enyi milango ya kale, ili Mfalme wa utukufu apate kuingia.
10 Mootiin ulfinaa kun eenyu? Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu sun, inni Mootii ulfinaa ti.
Ni nani yeye, huyu Mfalme wa utukufu? Ni Bwana Mwenye Nguvu Zote; yeye ndiye Mfalme wa utukufu.