< Faarfannaa 24 >

1 Faarfannaa Daawit. Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu, addunyaa fi wanni ishee keessa jiraatu hundinuus kan Waaqayyoo ti;
ダビデのうた 地とそれに充るもの世界とその中にすむものとは皆ヱホバのものなり
2 inni galaanota irratti ishee hundeesseeraatii; bishaan irras ishee dhaabeera.
ヱホバはそのもとゐを大海のうへに置これを大川のうへに定めたまへり
3 Eenyutu tulluu Waaqayyootti ol baʼa? Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata?
ヱホバの山にのぼるべきものは誰ぞ その聖所にたつべき者はたれぞ
4 Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu, nama lubbuu isaa gara waaqa tolfamaatti ol hin kaafne yookaan nama sobaan hin kakannee dha.
手きよく心いさぎよき者そのたましひ虚きことを仰ぎのぞまず偽りの誓をせざるものぞ その人なる
5 Inni Waaqayyo biraa eebba, Waaqa Fayyisaa isaa biraa immoo qajeelummaa ni argata.
かかる人はヱホバより福祉をうけ そのすくひの神より義をうけん
6 Dhaloonni kun dhaloota warra isa barbaadanii ti; kan dhaloota warra fuula Waaqa Yaaqoob barbaadanii ti.
斯のごとき者は神をしたふものの族類なり ヤコブの神よなんぢの聖顔をもとむる者なり (セラ)
7 Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; isinis balbalawwan durii, akka mootiin ulfinaa ol galuuf ol qabamaa.
門よなんぢらの首をあげよ とこしへの戸よあがれ 榮光の王いりたまはん
8 Mootiin ulfinaa kun eenyu? Waaqayyo jabaa fi humna qabeessa, Waaqayyo isa waraana keessattis humna qabu sanaa dha.
えいくわうの王はたれなるか ちからをもちたまふ猛きヱホバなり 戦闘にたけきヱホバなり
9 Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; isinis balbalawwan durii akka mootiin ulfinaa ol galuuf mataa keessan ol qabadhaa.
門よなんぢらの首をあげよ とこしへの戸よあがれ 榮光の王いりたまはん
10 Mootiin ulfinaa kun eenyu? Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu sun, inni Mootii ulfinaa ti.
この榮光の王はたれなるか 萬軍のヱホバ是ぞえいくわうの王なる (セラ)

< Faarfannaa 24 >