< Faarfannaa 23 >

1 Faarfannaa Daawit. Waaqayyo tiksee koo ti; ani homaa hin dhabu.
מזמור לדוד יהוה רעי לא אחסר׃
2 Inni marga lalisaa keessa na boqochiisa; gara bishaan tasgabbaaʼaattis na geessa;
בנאות דשא ירביצני על מי מנחות ינהלני׃
3 inni lubbuu natti deebisa. Maqaa isaatiif jedhees karaa qajeelaa irra na deemsisa.
נפשי ישובב ינחני במעגלי צדק למען שמו׃
4 Ani yoon sulula gaaddisa duʼaa keessa deeme illee ati waan na wajjin jirtuuf, homaa hin sodaadhu; uleen keetii fi bokkuun kee na jajjabeessu.
גם כי אלך בגיא צלמות לא אירא רע כי אתה עמדי שבטך ומשענתך המה ינחמני׃
5 Ati utuma diinonni koo ilaalanuu fuula koo duratti maaddii naa qopheessita. Mataa koo zayitii dibda; xoofoon koos guutuu irraan dhangalaʼaa dha.
תערך לפני שלחן נגד צררי דשנת בשמן ראשי כוסי רויה׃
6 Dhugumaan gaarummaan keetii fi araarri kee, bara jireenya kootii hunda na duukaa buʼu; anis bara baraan, mana Waaqayyoo keessa nan jiraadha.
אך טוב וחסד ירדפוני כל ימי חיי ושבתי בבית יהוה לארך ימים׃

< Faarfannaa 23 >