< Faarfannaa 22 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo “Borofa Ganamaa” jedhu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko, ati maaliif na dhiifte? Ati na gargaaruu irraa, iyya koo irraas maaliif akkas fagaatta?
A I Kot, ai Kot da me komui likidmalie kin ia la? I likelikwir, a jauaj pa i me doo.
2 Yaa Waaqa ko, ani guyyaa guyyaa sittin iyyadha; ati garuu deebii naaf hin deebiftu; halkan halkanis afaan hin qabadhu.
Ai Kot, nin ran i kin likwir, a kom jota kin japen, o ni pon I pil jota kin nenenla.
3 Ati garuu Qulqullicha teessoo irra taaʼuu dha; ati galata Israaʼel.
Ari jo, komui ta me jaraui, komui me kotikot pan kaul en kapin en Ijrael.
4 Abbootiin keenya si amanatan; isaan si amanatan; atis isaan oolchite.
Jam at akan liki komui, o ni ar liki, kom kotin jauaja irail er.
5 Isaan sitti iyyatan; ni fayyifamanis; si amanatan; hin qaanofnes.
Irail likwir on komui, rap dorelar, re liki komui, rap jota namenokala.
6 Ani garuu raammoodha malee nama miti; ani nama namni itti qoosuu fi sabnis tuffatuu dha.
A nai dueta kamatol amen, a kaidin ol amen, me aramaj akan kin lalaue o mamaleki.
7 Warri na argan hundinuu natti kolfu; mataa isaanii raasanii na arrabsu.
Karoj me kilan ia, kin lalaue, ia, jara pajan au arail o tuetual mon arail:
8 Akkanas jedhu; “Inni Waaqayyoon amanata; mee Waaqayyo isa haa oolchu kaa. Inni waan isatti gammaduuf, isa haa oolchu.”
A kin liki Ieowa, i en dorela i, o kamaioda i, pwe a kin kupura i.
9 Ati garuu gadameessa keessaa na baafte; harma haadha koo irrattis, situ nagaan na eege.
Pwe komui kotin kaipwi ia jan nan kaped en in ai; komui ta, me i liki jan ni anjaun ai mi ni maramaran in ai.
10 Ani gaafan dhaladhee jalqabee sirratti nan gatame; erga haati koo na deessee jalqabdee ati Waaqa koo ti.
Jan nan’ kaped en in ai i lokidokilan komui; komui ta ai Kot jan ni anjaun ai mi pon kopan in ai.
11 Ati narraa hin fagaatin; rakkinni dhiʼaateeraatii; namni na gargaarus hin jiru.
Kom der kotin doo jan ia, pwe anjaun kalokolok korendor, ap jolar jauaj pa i.
12 Korommiin baayʼeen na marsu; korommiin Baashaan jajjaboonis karaa hundumaan na marsu.
Kau ol kalaimun kan kapil ia penaer, o kau ol en Pajan kele ia pena.
13 Isaanis akka leenca beelaʼee aaduu afaan isaanii balʼisanii natti banatu.
Irail jara don ia dueta laien weriwer o laualo amen.
14 Ani akkuma bishaaniitti nan dhangalaafame; lafeen koo hundinuus wal gad dhiise. Onneen koo gara gagaatti geeddarame; na keessattis baqe.
Nai wudokilar dueta pil, ai kokon akan karoj muei pajaner, o monion i pei pajaner nan kaped i dueta wi.
15 Jabinni koo akka qiraacii goge; arrabni koo laagaatti na maxxane; awwaara duʼaa keessas na ciibsite.
Ai kelail nalanal lar dueta diper en dal eu, o lo i pajadan pan natanat ai, o komui kin wia kin ia me melar amen.
16 Saroonni na marsaniiru; gareen namoota hamoo na marseera; isaanis harkaa fi miilla koo waraananii fullaasaniiru.
Pwe kidi kan kapil ia pena, o pwin aramaj jued eu kele ia pena, irail kapore pajan pa i o na i kat.
17 Ani lafee koo hunda lakkaaʼuu nan dandaʼa; isaanis ija babaasanii na ilaalu; akkas taʼuu koottis ni gammadu.
I kak wadok kokon ai kan karoj; a irail kin kilekilan ap peren kida.
18 Isaan wayyaa koo hiratan; uffata koottis ixaa buufatan.
Re kin nek pajan ai likau kan nan pun arail, o re doropweki ai likau pup.
19 Yaa Waaqayyo, ati garuu narraa hin fagaatin; yaa Jabina koo na gargaaruuf ariifadhu.
A komui Main ender doo jan ia! Ai kel madando o jauaja ia!
20 Lubbuu koo goraadee jalaa, jireenya koo immoo humna sarootaa jalaa baasi.
Dorela maur i jan kodlaj, pwe me ta ieu, o jan nan kel en kidi!
21 Afaan leencaa jalaa na miliqsi; gaanfa gafarsaa jalaas na baasi.
Jauaja ia jan nan au en laien, o dore ia la jan oje en man laualo!
22 Maqaa kee obboloota kootti nan labsa; waldaa keessattis sin jajadha.
I pan padaki on ri ai kan duen mar omui, o i pan kapina komui nan momodijou.
23 Isin warri Waaqayyoon sodaattan isa jajadhaa! Isin sanyiin Yaaqoob hundinuu isa ulfeessaa! Sanyiin Israaʼel hundinuus isa sodaadhaa!
Kapina leowa komail me majak i, o kadaudok en Iakop en kalinanada i, o wan Ijrael karoj majak i.
24 Inni dhiphina nama dhiphatee hin tuffanne yookaan hin balfineetii; yommuu inni gargaarsaaf isatti iyyatettis, ni dhagaʼeef malee fuula isaa hin dhokfanne.
Pwe a jota kotin mamaleki de juedeki me luet akan; o a jota kotin karirila jilan i jan irail; o ni a likwir on i, a kotin erekier.
25 Galanni ani yaaʼii guddaa irratti siif galchu si biraa dhufa; warra si sodaatan durattis wareega koo of irraa nan baasa.
I pan kapina komui nan momodijou kalaimun; i pan kapwaiada ai inau mon ir me lan i.
26 Hiyyeeyyiin nyaatanii quufu; warri Waaqayyoon barbaaddatanis isa ni jajatu; garaan keessan bara baraan haa jiraatu!
Me luet akan en mana o medila, o me idok leowa, pan kapina i; nen omail pan me maureta kokolata.
27 Handaarri lafaa hundinuu ni yaadata; gara Waaqayyoottis ni deebiʼa; maatiiwwan sabootaa hundinuus fuula isaa duratti ni sagadu;
Ni imwin jap karoj re pan tamanda leowa, ap wuki on i, o di en men liki karoj pan kaudoki on i.
28 mootummaan kan Waaqayyootii; innis saboota hunda ni bulcha.
Pwe wein leowa, o a kotin kaunda men liki kan.
29 Sooreyyiin lafaa hundinuu ni nyaatu; ni waaqeffatus; warri of jiraachisuu hin dandeenye kanneen biyyoo seenan hundi fuula isaa duratti ni jilbeenfatu.
Me wi kan karoj nin jappa pan manamana o kelepuki; karoj, me pan wiala pwel o jota kak kolekol maur ar, pan poni i.
30 Dhaloonni dhufu isa tajaajila; dhaloota boriittis waaʼeen Gooftaa ni himama.
Kadaudok eu mia, me pan papa i, re pan padaki on jeri o jeri en jeri kan duen leowa.
31 Sababii inni waan kana hojjeteef, isaan saba dhalachuuf jirutti qajeelummaa isaa ni labsu.
Re pan pwarado o padaki on aramaj akan, me pan ipwidi mur duen a pun, o duen me a kotin wiadar.

< Faarfannaa 22 >