< Faarfannaa 22 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Yeedaloo “Borofa Ganamaa” jedhu. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqa ko, yaa Waaqa ko, ati maaliif na dhiifte? Ati na gargaaruu irraa, iyya koo irraas maaliif akkas fagaatta?
My God, my God, why have you forsaken me? why are you so far from helping me, and from the words of my roaring?
2 Yaa Waaqa ko, ani guyyaa guyyaa sittin iyyadha; ati garuu deebii naaf hin deebiftu; halkan halkanis afaan hin qabadhu.
O my God, I cry in the day time, but you hear not; and in the night season, and am not silent.
3 Ati garuu Qulqullicha teessoo irra taaʼuu dha; ati galata Israaʼel.
But you are holy, O you that inhabit the praises of Israel.
4 Abbootiin keenya si amanatan; isaan si amanatan; atis isaan oolchite.
Our fathers trusted in you: they trusted, and you did deliver them.
5 Isaan sitti iyyatan; ni fayyifamanis; si amanatan; hin qaanofnes.
They cried unto you, and were delivered: they trusted in you, and were not confounded.
6 Ani garuu raammoodha malee nama miti; ani nama namni itti qoosuu fi sabnis tuffatuu dha.
But I am a worm, and no man; a reproach of men, and despised of the people.
7 Warri na argan hundinuu natti kolfu; mataa isaanii raasanii na arrabsu.
All they that see me laugh me to scorn: they shoot out the lip, they shake the head, saying,
8 Akkanas jedhu; “Inni Waaqayyoon amanata; mee Waaqayyo isa haa oolchu kaa. Inni waan isatti gammaduuf, isa haa oolchu.”
He trusted on the LORD that he would deliver him: let him deliver him, seeing he delighted in him.
9 Ati garuu gadameessa keessaa na baafte; harma haadha koo irrattis, situ nagaan na eege.
But you are he that took me out of the womb: you did make me hope when I was upon my mother's breasts.
10 Ani gaafan dhaladhee jalqabee sirratti nan gatame; erga haati koo na deessee jalqabdee ati Waaqa koo ti.
I was cast upon you from the womb: you are my God from my mother's belly.
11 Ati narraa hin fagaatin; rakkinni dhiʼaateeraatii; namni na gargaarus hin jiru.
Be not far from me; for trouble is near; for there is none to help.
12 Korommiin baayʼeen na marsu; korommiin Baashaan jajjaboonis karaa hundumaan na marsu.
Many bulls have compassed me: strong bulls of Bashan have beset me round.
13 Isaanis akka leenca beelaʼee aaduu afaan isaanii balʼisanii natti banatu.
They gaped upon me with their mouths, as a ravening and a roaring lion.
14 Ani akkuma bishaaniitti nan dhangalaafame; lafeen koo hundinuus wal gad dhiise. Onneen koo gara gagaatti geeddarame; na keessattis baqe.
I am poured out like water, and all my bones are out of joint: my heart is like wax; it is melted in the midst of my bowels.
15 Jabinni koo akka qiraacii goge; arrabni koo laagaatti na maxxane; awwaara duʼaa keessas na ciibsite.
My strength is dried up like a potsherd; and my tongue cleaves to my jaws; and you have brought me into the dust of death.
16 Saroonni na marsaniiru; gareen namoota hamoo na marseera; isaanis harkaa fi miilla koo waraananii fullaasaniiru.
For dogs have compassed me: the assembly of the wicked have enclosed me: they pierced my hands and my feet.
17 Ani lafee koo hunda lakkaaʼuu nan dandaʼa; isaanis ija babaasanii na ilaalu; akkas taʼuu koottis ni gammadu.
I may tell all my bones: they look and stare upon me.
18 Isaan wayyaa koo hiratan; uffata koottis ixaa buufatan.
They part my garments among them, and cast lots upon my vesture.
19 Yaa Waaqayyo, ati garuu narraa hin fagaatin; yaa Jabina koo na gargaaruuf ariifadhu.
But be not you far from me, O LORD: O my strength, haste you to help me.
20 Lubbuu koo goraadee jalaa, jireenya koo immoo humna sarootaa jalaa baasi.
Deliver my soul from the sword; my darling from the power of the dog.
21 Afaan leencaa jalaa na miliqsi; gaanfa gafarsaa jalaas na baasi.
Save me from the lion's mouth: for you have heard me from the horns of the unicorns.
22 Maqaa kee obboloota kootti nan labsa; waldaa keessattis sin jajadha.
I will declare your name unto my brethren: in the midst of the congregation will I praise you.
23 Isin warri Waaqayyoon sodaattan isa jajadhaa! Isin sanyiin Yaaqoob hundinuu isa ulfeessaa! Sanyiin Israaʼel hundinuus isa sodaadhaa!
All of you that fear the LORD, praise him; all you the seed of Jacob, glorify him; and fear him, all you the seed of Israel.
24 Inni dhiphina nama dhiphatee hin tuffanne yookaan hin balfineetii; yommuu inni gargaarsaaf isatti iyyatettis, ni dhagaʼeef malee fuula isaa hin dhokfanne.
For he has not despised nor abhorred the affliction of the afflicted; neither has he hid his face from him; but when he cried unto him, he heard.
25 Galanni ani yaaʼii guddaa irratti siif galchu si biraa dhufa; warra si sodaatan durattis wareega koo of irraa nan baasa.
My praise shall be of you in the great congregation: I will pay my vows before them that fear him.
26 Hiyyeeyyiin nyaatanii quufu; warri Waaqayyoon barbaaddatanis isa ni jajatu; garaan keessan bara baraan haa jiraatu!
The meek shall eat and be satisfied: they shall praise the LORD that seek him: your heart shall live for ever.
27 Handaarri lafaa hundinuu ni yaadata; gara Waaqayyoottis ni deebiʼa; maatiiwwan sabootaa hundinuus fuula isaa duratti ni sagadu;
All the ends of the world shall remember and turn unto the LORD: and all the families of the nations shall worship before you.
28 mootummaan kan Waaqayyootii; innis saboota hunda ni bulcha.
For the kingdom is the LORD's: and he is the governor among the nations.
29 Sooreyyiin lafaa hundinuu ni nyaatu; ni waaqeffatus; warri of jiraachisuu hin dandeenye kanneen biyyoo seenan hundi fuula isaa duratti ni jilbeenfatu.
All they that be fat upon earth shall eat and worship: all they that go down to the dust shall bow before him: and none can keep alive his own soul.
30 Dhaloonni dhufu isa tajaajila; dhaloota boriittis waaʼeen Gooftaa ni himama.
A seed shall serve him; it shall be accounted to the Lord for a generation.
31 Sababii inni waan kana hojjeteef, isaan saba dhalachuuf jirutti qajeelummaa isaa ni labsu.
They shall come, and shall declare his righteousness unto a people that shall be born, that he has done this.

< Faarfannaa 22 >