< Faarfannaa 21 >

1 Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Faarfannaa Daawit. Yaa Waaqayyo, mootiin jabina keetti baayʼee gammada. Gargaarsa keettis gammachuun isaa hammam guddaa dha!
Kwa mwimbishaji. Zaburi ya Daudi. Ee Bwana, mfalme huzifurahia nguvu zako. Tazama jinsi ilivyo kuu furaha yake kwa ushindi unaompa!
2 Ati hawwii garaa isaa kenniteefii jirta; kadhannaa afaan isaas isa hin dhowwanne.
Umempa haja ya moyo wake na hukumzuilia maombi ya midomo yake.
3 Ati eebba guddaadhaan isa simatte; gonfoo warqee qulqulluus mataa isaa irra keesse.
Ulimkaribisha kwa baraka tele na kumvika taji ya dhahabu safi kichwani pake.
4 Inni jireenya si kadhate; atis ni kenniteef; bara dheeraas bara baraa hamma bara baraatti kenniteef.
Alikuomba maisha, nawe ukampa, wingi wa siku milele na milele.
5 Ulfinni isaa moʼannaa ati isaaf kenniteen guddaa taʼe; atis ulfinaa fi surraa isatti uwwifte.
Kutokana na ushindi uliompa, utukufu wake ni mkubwa, umeweka juu yake fahari na utukufu.
6 Ati eebba bara baraa kenniteef; akka inni gammachuu argama keetiitiin gammadus goote.
Hakika umempa baraka za milele, umemfanya awe na furaha kwa shangwe ya uwepo wako.
7 Mootichi Waaqayyoon amanataatii; sababii jaalala Waaqa Waan Hundaa Olii kan hin geeddaramne sanaatiifis inni hin raafamu.
Kwa kuwa mfalme anamtumaini Bwana; kwa upendo usiokoma wa Aliye Juu Sana hatatikiswa.
8 Harki kee diinota kee hunda ni qabata; harki kee mirgaas warra si jibban ni qaba.
Mkono wako utawashika adui zako wote, mkono wako wa kuume utawakamata adui zako.
9 Yeroo mulʼachuu keetiitti, akka boolla ibiddi keessaa bobaʼuu isaan goota. Waaqayyo dheekkamsa isaatiin isaan liqimsa; ibiddis isaan fixa.
Wakati utakapojitokeza utawafanya kama tanuru ya moto. Katika ghadhabu yake Bwana atawameza, moto wake utawateketeza.
10 Ati sanyii isaanii lafa irraa, ijoollee isaaniis ilmaan namaa gidduudhaa ni balleessita.
Utawaangamiza wazao wao kutoka duniani, uzao wao kutoka wanadamu.
11 Isaan yoo waan hamaa sitti yaadan, yoo daba sitti mariʼatanis hin milkaaʼan.
Ingawa watapanga mabaya dhidi yako na kutunga hila, hawawezi kufanikiwa,
12 Ati yommuu iddaa kee isaanitti qabdutti, akka isaan baqatan gootaatii.
kwa kuwa utawafanya wakimbie utakapowalenga usoni pao kwa mshale kutoka kwenye upinde wako.
13 Yaa Waaqayyo, jabina keetiin ol ol jedhi; nu humna kee ni jajanna; ni faarfannas.
Ee Bwana, utukuzwe katika nguvu zako, tutaimba na kusifu nguvu zako.

< Faarfannaa 21 >